Yoomiin akka namaa taha?

 

 

 

بسم الله الرحمن الرحيم   

?....Yoomiin akka namaa taha

Amata dheeraa dura biiyya ammaan tana Uzbeekistaan ja’amtu keessatti mucaan daa’imni, hiyyeessaa, kan ijaan hingarre tokkootu dhalate, haati isaa hedduu nama iimaanaan qalbiin isii faayamte gurbaa isii kanaaf  waan takkallee godhuuf hindandeenye, Rabbi isaaf kadhachuu itti fufte. Rabbiin eegasii kadha isii irraa qeebalee ilma isii fayyiseef. gurbaan kuun odoo ganna 10 hingahiin Qur’aana guutuu qomatti qabate, hadiisaas akkasumatti itti fufe. guyyaa tokko barsiisaan isaa osoo isa barsiisaa jiruu barsiisaan isaa dogoggorraan  sirreesseef  haatahuu ammoo yaroo saniif barsiisaan dogoggora isaa fudhachu didee egas ammoo sirrii tahuu dhabuu isaa beekhee sirreeffate. gurbaan san yaroo tanatti ganna 11 keessa jira . Isaa ganna 16 tahe kitaaba guddaa ibnuul Mubaarak  ja’amu guututti qomatti qabate.  San booda haadhaa fii obboleessa isaa(Ahmad ) waliin hajjii goodhuudhaaf kharaa biyya Makkaa deeme. eega hajjii isaanii irraa raawwatan booda kharaa biyyaa isaanii dacha’an. Inni ammo Hadiisa  barachuuf biyyoota akka Iraaq , Yaman, Sooriyaa, Masrii fii biyya biraatillee keessa deemuudhaan sheekkootii hedduu irraa barachuu itti fufe.barnoota isaa san keessaa Hadiisawwan walitti qabuudhaan ummata islaamaatiif mijjeesse akka dhaloota tokkorraa gara dhaloota tokkoo dabaru godhe.
haala kanaan umrii isaa hunda qabsaawaa turee . keesattuu kitaabni isaa
 Sahiih AL-Bukhaarii  ja’aamudhaan beekkama, Qur’aanatti aanee guddinaan beekkamaadha. Namni khuun eenyu akka tahe hubachuu hin’ooltan  inni Amiirul Muhaddisiin Abu Abdullaahi Muhammad Ibnu Ismaa’iil Al-Bukhaari .
 Obboleeyyan Islaamaa kan dhiiraatii fii dhalaadhaa,  Ulamaa’iin islaamaa maashina  itti barreessan odoo hinqabne ammalle xalayaa irratti barreessan osoo hinqabne  dadhabnee osoo hinja’in rakkina adda addaa isaan mudate waliin irratti obsanii harakaan  nuuf barreesanii waan hedduu ummata islaamaatiif qoopheysan . 
yaa
Obboleyyan islaamaa yaroo arraatiif ammoo guddina keessa  namni fadhe manuma isaa keessa ta’uudhaan waan hedduu barachuu fii barresuu dandayuu keessa jirra. sheekkan hedduu kan hulaa tee dura jiruun. karaa interneetaatiin ,CD, kaaseeta adda addaatiin, kitaabawwan hedduu  bakka takkatti arkanne dubbisuu dandeyuu keenya nama hangam takkaatu beekha ?…
  Ammoo amantii teenyaa
  waliin hangam takka walquba qabna  ?  hangam takka  beeyna? Nurraa warra    Islaamummaa   jachuun  maal  akka taate  hinbeeyneetu  jira ?  yoonifiin    je’e deebisaan   teessan   waanuma   lama  taati   malee  sadaffaa   hiinqabdu .
     Mee yaa obboleeyyan kiyya Rabbiin Qur’aana keessatti  
maal ja’a “ Ani jinni fii Ilma namaallee waa hin’uumne akka ana qofaa gabbaraniif malee “  yoomi duuba  guyyaan   akka   Rabbiin   nurraa   barbaadutti    amantii teenya   barannee  nama   taana  ? yoomi  guyyaan   nutii AKKANA    JA’AN jachuu  dhisnee  dubbiin akkana  (karaa) haqaa kana jannee murteessinee   jaladeemuudhaan nama biraallee  itti yaamuudhaan
  jajjabeessina..? yoomi guyyaan  hirriiba kana keessaa  dammeynu!  odoo biyya lachuutti (Addunyaa fii akhiraatti)     hin hoongooyne.
    .haa sossoonuu!, haa jaabaannuu,! ifiiis tahee nama keenyaas haa fayyannuu!, ibidda duraa haa if baafnuu,   janna ta haa bitannuu meeyshaan Rabbii qaaliidha. tattaaffii feeti  
akkana ja'an, jachuu haadhiifnuu oduu guddachuu haadhiifnuu adunyaas tahee akhiraa haacarraaqqannuu
                         akkana ja'an, akkana ja'an jachaa ooluu haa ifirraa dhiifnuu

 

 

 

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)