|
a- furiinsa daddafsuu aduun eega
seente.
abii hureeyraa irraa odeeyfamee ergamaan rabbi N.R.H ni
ja'e ilmi namaa kheyriirratti jiraachuurraa hin deemu waan furiinsa jarjarsaniin
akkasuma ammaas hiraaba booda aansaniin.yahuudaan booda
aansiti(furiinsa).hadiisa kana abuu dawuudiifii ibnu maajahiitu
gabaase.
Abdallaah ibnu Abii Awfaa irraa odeefamee ni ja'e
:ergamaa rabii wajjiin deeme haala inni soomana qabuun yeroo aduun dhiite naan
ja'e: “gad bu'iitii bachoo nuuf jiisi”.yaa ergamaa Rabbii osoo
galgaloyfattee
hin ja'een.ergamaa Rabii naan ja'e “gad bu'iitii bachoo
nuuf jiisi”.niin j'een yaa ergamaa Rabbii amma dura bar guyyaa dhaa.ergamaa
Rabii naan ja'e“gad bu'iitii bachoo nuuf jiisi”.gad bu'eetiin jiiseef eeganaa
naan ja'e “yeroo halkan achii as garagalee agarte namni soomana qabu qaata
fure”.hadiisa tokko keessatti (gara aduun irraa baatu quba isaatiin akeekee)
ammallee hadiisa biraa keesatti umar irraa kan odeeyfame ergamaan Rabbi ni
ja'e:“aduuniis seente” hadiisoota kana bukhaariitu gabaase
osoo aduun hin seenne yoonifi jarjaranii furuun
dhoorkaadha inumaa diliin isaalleen heeddoodha jabduu dha. hadiisatti
:
Abii Umaamaa irraa odeeyfamee ni ja’e ergamaa
Rabbbitiiin dhagahe(N.R.H)kan ja’u: “Anaa rafutti jiruu manaamaan namni lama
natti dhufee irree tiyya na qabanii gaara tokkotti na
fidan,
gaarri san irratti ol bahuun isaa akkaan ulfaatu tokkoo(akkan
jabaatu)eegasii:ol bahi naan ja’an.niin ja’een :ol bahuu hin danda’u. ol bahii
nuutu siif laaffisaa naan ja’an.duba aniis oliin bahe .hoggaan walakkaa isaa
gahe sagalee akkaan lallabamtu takkaan dhagahe.niin ja’een isaan lameeniin
“maali sagaleen tun”?sagalee warra ibiddaati naan ja’an.ammaas naan deeman
osumaan deemutti jiruutiin ummata tokko arge kan miila isaaniitiin fannifamanii
jiran mallaan isaanii khan dhoodhootee jirtu akkasii waliin mallaa isaaniirraa
dhiigaatu ya’a.ni ja’e:duba niin ja’een “eenyu ummanni kun? ”ummanni kun warren
osoo yeroon itti furan hin geenye soommana isaanii furan naan ja’an. Hadiisa
kana beehaqiitu gabaase kitaaba isaa sunanul
kubraa(8007)keessatti
b- Hiraaba booda
aansuu
Abii hureeyraa irraa odeeyfamee (N.R)ergamaan
Rabbii(N.R.H)ni ja'e “Ilmi namaa kheyriirratti jiraachuurraa hin deemu waan
furiinsa jarjarsaniin akkasuma ammaas waan hiraaba booda aansaniin yahuudaan
booda aansiti(furiinsa) ”.hadiisa kana abuu dawuudiifii ibnu maajahiitu
gabaase.
Anas irraa odeeyfamee ni ja'e :ergamaa rabbiitii
fii zeyd ibnu Saabit wajjiin hiraabbatan.yeroo hiraabarraa raawwatan Ergamaaan
Rabbii gara salaata subhii bahe.eegasii niin ja'een(anas) :hangam takka hiraabaa
fii salaata san jidduun ,ni ja'e(zeyd)hanga namni tokko aayata shantam
qara'u.hadiisa kana bukhaarii fii muslimiitu
gabaase.
Qaraatii Qur'aanaa heddommeysuu
hadiisa Abdallaah ibnu Amrii odeesse keessatti inni
Ergamaa rabbii ni gaaafate :yaa Eergamaa Rabbii Qra’aana hangam takkaa keessattiin
buusa?Ergamaan Rabbii ni jae’een“ baatii takkatti buusi” .abdallah ni ja’een
nama humna qabu tahuun if arka.Ergamaan Rabbii ni ja’een “guyyaa diiddam
keessatti buusi”.akkasuma ammallee humna qabaachuun if arga ja’een.Ergamaan
Rabbiii ni ja’een “khudha shanitti buusi” .hanga ja’uun takkatti “guyyaa
sadihitti buusi” .namni guyyaa sadii gaditti buuse Qur’aana hin beeku(waan
qajeelee hin qaraaneef)hadiisa Abii daawuudiitu gabaase.(1390) Akkasuma ammallee
waliif dhaggeyfataa qara’uu.Rabbiin ol tahe ni ja’e (yeroo Qur’aanni qara’amu
dhaggeffadhaa) akkasuma cal’isuu yeroo qaraatii sun hanga kan qara’utti jiru
bakkaan gahatutti.
Rigaa itti fayyadamu (siwaaka)
- Abii Hureyraa irraa odeeyfamee (R.H) ni ja'e :Ergamaana
Rabbii ni ja’e “osoon ummata kiyyarratti waajiba tahaa
sodaachuu baadhee akka isaan Ishaa’ii boodatti aansanii fii akkasuma akka yeroo
salaataa cufa suwaakkatanittiin isaan ajaja ”hadiisa kana Abii Daawuudiitu
gabaase.
akkasuma ammallee Qur’aana lafa kaayuu dhabuu yeroo
itti qara’an.
hadiisa abii daawuud gabaase kessatti Ergamaan
Rabbii(N.R.H) guyyaa tokkoo ummata yahuudaatii wajjin walqaban waa’ee nama osoo
fuudhee jiruu zinaa godhe keessatti .ummanni yahuuda sun waan ja’aniin: yaa
ergamaa Rabbi nuti diinaa keenya keesatti nama osoo fuudhe jiru gumnaa dalage
isaan lachuutuu cilee dibneeti qaama qullaa harreerratti isaan baasnee ganda
kessa isaan oofna.yeroo san Ergamaan Rabbii (N.R.H) ni ja’een“murtuma akkanaa
tana kitaaba tawraat kessatti agartanii?”isaaniis eeyye ja’aniin .Ergamaan
Rabbiin ni ja’een "mee natti fidaa kitaaba tawraat sunii narratti qara’aa.”eegasii itti fidan haala inni
boraatii gubbaa taa’utti jiruun hoggaa itti fidan boraatii irraa bu’eeti kitaba
fuudhee boraatii san gubbaa kaaye……….)iisni kun dheeraadha.Aabii daawuudiitu
gabaase.
1- Ibnu Abbaas irraa odeeyfamee(R.H)ni ja'e :Ergamaana
Rabbii(N.R.H)ni tahe irra jarjaraa namaati kara kheeyriitti ,akkasumaa wajjiin
kara kheeyriitti kha akkan jarjaru ji'a Ramadaanaa keessa yeroo Jibriil itti
dhufee Qur'aana qaraasisu,maqaa Rabbiitti khakhadhee Ergamaan Rabbii yeroo
jibrii isatti dhufu kan kara kheeyriitti akkan daddafu tahe qilleensa gad dhiifamuurra(tan akkaan
bubbistu).hadiisa kana bukhaariifii muslimiitu
gabaase.
2- Abii hureyraa irraa odeeyfamee(R.H)ni ja'e :Ergamaana
Rabbii ni ja’e:
“ Ummanni tokko waa hin taa’u teeysoo takka kan Rabbi keessatti faarsan akkasuma
ammallee kan Qur’aana qara’an malaaykaan isaaniin marsitu malee,Rahmatni isaan
hagoogu,akkasuma ziqiin qalbii isaanirratti buutu malee,ammallee Rabbiin isaan
dubbata malaaykaa isa bira jirtutti.hadiisa kana bukhaarii fii muslimiitu
gabaase.
Namni yeroo waliin qara’u walirra faxinummaa
qaban akkasumaa waliin kan qajeelee qur’aana qara’uufii kan caccabsaa
qara’ulleen Rabbi biratti sawaabni isaanii akkuma itti aanu kana
taha.
Aa'ishaa irraa odeeyfamee(R.H)ni jatte “Ergamaan Rabbi
ni ja’e:namni qur’aana qajeelchee qara’u malaaykaa kakkabjamtuu waliin
taha,akkasuma namni qur’aana caccabsaa haala qur’aanni isatti ulfaatuun qara’u
sawaaba lama qaba.”?Hadiisa kana Ibnu Maajahiitu
gabaase.(3779)
Qur’aanni magantaa isaaf dhaabbata Guyyaa
boruu.
Du'aa'ii yeroo furan jachuun
barbaadamtu
Ibnu umarirraa odeeyfamee(R.H) ni ja'e “ Ergamaan
Rabbii kaja’u tahe yeroo furu dheebuun nurraa deemte hiddi
dhiiga keenyaalleen jiidhe galatnilleen ragga'e (sabate) yoo Rabbiin fadhe.”
Hadiisa kan Abuu Daawuud,nasa'ii fi Daaraquxniitu
gabaase.
Garuu hadiisa yaa Rabbi siifiin soommane akkasuma
rizqii (kennaa) teetiiniin fure ja'u sun laafadha (da'iifa)hin sabanne akka
imaamu almunziriin ja'etti. |