Hiikkaa Qur'aana

 

 

    31-Nibarsiise (Rabbiin) Aadam maqaa uuma hundaa. eegana isaan fide (uumaa) malaykaa irra  inja’e (Rabbiin) maqaa waan kanaa naaf  odeeysa yoo warra dhugaa dubattan.

32-nija’an (malaykaan) qulqullumaan teetti beekomsa hin qabnu waan ati nubarsiiste male atti beekaadha ogeeysa (kan waa hund bakka isiin maltu kaayu).

33-Nija’e (Rabbiin): yaa Aadam maqowwan isaanii odeeysiif yaroo maqaa sanii odeeysef nija’en (Rabbiin) ani isiniin hinjanne waan samii fii dachii keesatti dhukate hundan beekaa? Ani waan isin mul’iftanii fii dhooysitaniis ninbeka.

34-(Mee yadadhu) yaroo malaaykaan Aadamiif sujuudaa jannu nisujuudan ibliis malee didee boone.warra kafarerraa tahe.

35-Nijanne: yaa Aadam sii fii jaartiin tee jannata keessa qubadha jannatarra nyaadh, nyaata bal’aa bakka feetanirra. Ammoo muka kanatti hindhihaatinaa warra if miidhe taatanii.

36-Sheeyxaanni isaan mucicaachise (jallise) waan isaan keessa jiran (jannata) keessaahi isaan baase nijannen: bu’aa gariin keessan gariif diina (nyaapa) haala taataniin. Dachiirratti qubsumaa isiniif jira niqananiitan haga yaroo murtooytutti.

37-Aadam jacha Rabbii isaarraa arkate (akkaataa itti tawbatan) tawbaa irraa qeebale (Rabbiin) inni isa tawbaa namaaf qeebalu, kan tola namaaf oolu.

38-Nijannen bu’aa isin cuftti samiirraa yoo narra qaceellumni isinitti dhufe. Namni qaceelluma tiya jala deeme wanni inni sodaatu hinjiru nilee hin yaaddawu (guyaa qiyaamaa).

39-Warren kafaran kan aayata keenya kijibsiisan isaan warra ibidaatti. Isaan achi keessatti ZALAALM tahan.

40-Yaa ilmaan Israa’iil! qananii tiya mee yaadadhaa taniin ani isin irratti qananiye baallama kiya guuta, baallama keessan niin guuta anuma qofa sodaadh.

41-Waaniin ani buusetti (Qur’aana) amana kitaaba keessan dhugoomsaa katahe. dura nama itti kafruu hin tahinaa ayata kiya qabeenya xiqootti hin jijiratina anuma qofa sodaadhaa.

42-Dharaa fii dhugaa walitti hin laaqinaa dhugaa hin dhooysinaa osoo beeytanuu.

43-Salata salaata, zakaas kanadha, warra salaatu walin salaata (jam’aa).

44-Toltutti nama ajajjanii ofii dhiiftanii? Osoo kitaaba qaraatanii sa! Humaa  hinbeeytani?

45-Obsaa fii salaataan gargaarsifadhaa (yaroo hamtuun sitti dhufte)  isiin (obsi) nijabaatti warra Rabbii sodaatu irratti malee.

46-Warra fuula Rabbii dhaabbannaa beeku isaan gama Rabbii deebi’an.

47-Yaa ilmaan israa’il! Qananii tiyya yaadadhaa taniin isinirratti qanani’e ani aalamarraan isin caalchise (zamana keessan sanitti)

48  sodaadh guyaa lubuun takka humaa waliif higoone fii mangantaalleen irra hin qeebalamne guyaa gunaan irraa hin fuudhame namni isaanif tumsu kan hinjirre.

49-(Mee yaadadhaa) yaroo nagaya isin baafne warra fir’oownaa jala kan qixaaxa jabaa isin garsiisan ilmaan dhiira keessan kan qalanii dhalaa teesan kan dhiisan san keessa qananii jabduutu jira Rabbii keessan biraa.

50-(Mee yaadadhaa) yaroo bahara addaan isiniif baafnu nagaya isin baafnee bishaantti warra fir’oowna fixe osoo isin gartanuu.

51-(Mee yaadadhaa) yaroo muusaaf bulttii afurtama baalama seennuf eegan dibich kan godhatan (gabbaruuf) eega isaati (eega inni bultii afurtama baallamaaf deemee) isin warra of miidhe.

52-Eega sanii irra isiniif  dabare akka Rabbii faarsitaniif.

53-(Mee yaadadhaa) yaroo muusaaf kitaaba (tawraat) kenninuuf kan dhsraa fii haqa addaan baasu akka ittin qaceeltaniif.

54-(Mee yaadadhaa) yaroo muusaan ummata isaatin ja’u “yaa umata koo isin lubbuu teessan miitan dibicha (gabbartan) godhachuu keessaniif gara Rabbii keessanii tawbaa deebi’aa lubbuu teessan if ajjeesa (Rabbii jacha) santu isiniif irra caala Rabbii keessan biratti”. isiniif irra dabre inni isa irra namaaf dabru, kan tola namaaf oolu.

55-(Mee yaadadhaa)yeroo jettan “yaa Muusaa si hindhugoomsinu haga Rabi fuulletti nugarsiiftuu” iyyansi malaaykaa isaan qabde (isaan fxxe) osoo gartanuu

56-eeganaa kan isin kaafne eega du’a keeysaniitii akka nfaarsitaniif

57-kan duumeeysa isiniif gaaddiseeysin, kan deeymaa fii foon isiniif buufne “gaarii waan nuti isiniif kanni irraa nyaadhaa” waa nu hin mine garuu lubbuma isaaniiti miidhan (deeymaa fii foon olkaayatii saaniitiif).

58-(Mee yaadadhaa) yaroo seena isaaniin jannu: “ganda kana (beeyt al-maqdis) achi keesaa nyaadhaa bikka feetanii nyaata bal’aa gad goradh hula seena dilii nura busi ja’aa: diiliteessan isiniif araaramnaa toltuu isniif dabala”.

59-Warri if miidhe jacha nijijjiiran jacha isaanin hin ja’aminitti xiqeenya (azaaba) warra if miidherratti samiirra waan karaarraa bahaniif.

60-(Mee yaadadhaa) yaroo muusaan ummata isaatiif obaa barbaadu nijaneen: “ulee teetiin dhagaa dhawi” achirraa burqite ijji kudha lama ummani (gosti) cuftti bikka irraa dhugan nibeekan “nyaadhaa dhugaa kennaa Rabbii rraa dachii irratti badii hin dalaginaa”.

                                                               3d_whitebg_a_back_1.gif

pixle.gif (35 bytes)

 

Copyright © 2010 oromomuslim.com   All Praise is due to Allah (SWT)