|
1-
Hiikkaa isii rabbumaatu beeka
2- Kitaabni kun shakkiin isa kessa hin jirtu waan
warri Rabbi sodaatu ittin qajeelu.
3- Isaan sanuu warra adunyaa irratti Rabbitti amananii
salaata salatani fii warra waan nuti kennineef irra kannatan.
4- Warra waan nuti sitti buufne (Muhammad ) amanu (qur’aana fii suna) fii kitaaba sidura
buufnetti (Tawraat,Injiilii fii kkf ) itti amnan isaanawwan guyaa akhiraa
(qiyaamaa) dhugoomsu.
5- 1-Warren
san qajeelluma Rabbii isaaniirra taherratti jiran, warren san warra milkaawe.
6- Ammoo, warreen didan (kaafira) isaanirratti walqixa
dinniintuufiis (yaa Muhammad )
dinniinu baattuufiis isan hin amanan.
7- Rabbiin qalbii isaaniitii fii gurra isaanii
haqarraa cufe, ija isaani haqarra
hagooge. Warra saniif adaba (azaaba) jabaatu isaanif jira.
8- Ilma namaarraa warra Rabbii fii guyaa aakhiraatti
(qiyaamatti) amanne jadhutu jira.warri san hin amanne.
9- Rabbii fii warra Rabbiitti amane khadda’an (ganan)
isaan lubbuu isaani malee waa hinkhaddaane (hinganne) garuu hinbeekan malee.
10-Qalbii isaanii keeysa dhukkubaatu (shakkii
diiniitu) jira. Rabbiin dhukkuba
(shakkii) isaanif dabale. Adaba (azaaba) isaan laaleeysuutu jiraaf. waan
kijibaniif.
11-Yaroo “dachirratti badii hindalaginaa” isaaniin
ja’an “bar nutti warra toltuu dalagu” ja’an.
12-Beekaa! Isaan warra hamtu dalaguu ifitti hin beekan
malee.
13-Yaroo akka umanni (islaama) amanetti dhugaan amana
isaaniin ja’an akka warri gowwaan amananitti amana? Beeka gawwaan isaani garuu ifitti hin beekan malee.
14-Yeroo ummata amananitti dhufan amanne jedhan yeroo
gurguddaa isaaniitti (kaafiraatti) deebi’an niti isiniin waliin jirra ja’aniinn
bar nuti qisnaa isaanitti (islaamatti) goona malee.
15-Rabbiilleen qishnaa isaanitti godha (guyyaa
qiyaamaa) fii jallina keeysatti isaan dhiisa (addunyaarratti) haala kan
dhamahan tahaniin
16-Warren
san warra qajeelluma dhiisee jallina qabate dalagaan isaanii isaaniif hin
tirfooytu isaan waa qaceelloorra hin jiran.
17-Fakkiin isaanii akka nama ibidda qabsiiseeti; waan
naannawa san jiru hogguu ibsite Rabbiin
ifa saa san duraa dhaamsa dukkan isaan hin argine keessatti isaan dhiisa
18-Duudaadha (haqa dhagayuurraa), afaan qabamoodha
(haqa dubbatuurraa), ballaadha (haqa arguurraa). Isaan hin deebi’an (karaa
haqaa irratti).
19-Ykn akka rooba samiirraa bu’uuti kan
dukkanti isa keeysa jirtu, mandiisuu fii hangaasuuniis quba gurra keeysa
kaayatan (didichaa sanirraa) du’a sodaadhaaf.Rabiin kaafiraan marsaadha (haala
issaan akkaan beeka).
20- Hangaasuun ija isaanii beeysuuf dhihaatti yeruma
ifeef (hangaasuun) mara keessa deeman yeroo itti dukkanooyte nidhaabbatan
Rabbiin osoo fedhee ija isaaniitii fii gurra isaaniillee ni jiaamsa Rabbiin waa
hundarrattuu dandayaadha.
21-Yaa ilma namaa Rabbii (Allaah) keeysan
gabbaraa isa isinii fii warre isiniin
duraa uume akka Rabbi sodaattaniif.
22-Inni isa dachii isiniif afe kan
samii isiniif dhaabe (isin gubbatti) kan
samii irraa rooba isinii buuse (roobe) saniin midhaan mukaa (timra, eynabaa fii
k.k.f) kan isiniif magarse nyaata
keeysaniifii Rabbiif shariika (qinddii) hin godhinaa osoo beeytanuu (Rabiin
shariika hinqabuu).
23-Yoo shakkitan (mushrika Araba, yahuudaa fii
nasaraa) waan nuti gabricha keeny (Muhammad ) irratti buufne (qur’aana) mee suuraa takka
fidaa tan tana fakkaattu fii waan Rabbii gaditti gabbartan yaamadha yoo warra
dhugaa taatan.
24- Yoo amma fiduu dadhabdan fiduufillee hinteeysan
ibidda sodaadha inni san kan
namaa (kaafiraa fii munaafiqa) fii dhagaan itti gubatu kan
warra kafiraatiif qophooyte.
25- Warra amanee toltuu dalage gammachiisi jannataatu
isaaniif jiraa tan laggeen jala yaa’an yeruma midhaan jannataa irraa nyaata
fidaniif hunda nija’an kuni kanuma amma dura nuufiddaniimitii tan wal fakkaattu
(bifaan) fadaniif achi keeysatti jaartii (huurul-aynii) qulqullooytuu isaaniif
jira isaan achi (jannata) keeysa zalaalam
taa’an (jiraatan).
26-Rabbiin fakkii godhuu hin qaanfatu bookhee fii waan
sanii olilee warri Rabbiitti amane nibeeka fakkiin tun dhugaan Rabbi biraa
tahuu ammoo warren kaafiraa “Rabbiin fakkii akkana tana maalitti fadhe”? ja’an
saniini (fakkii tanaan) nama hedduu jallisa fii nama hedduus qaceelcha kanaan
(fakkii) waahinjallatu warra karaara bahe male.
27-Warreen baalama Rabbii diigan eega kakuun
jabeessani, warren aanummaa Rabbiin
maxxanfadhaa ja’e muru, warren lafa keessatti badii dalagan isaan san warra
hongawe.
28-Akkamitti Rabbitti kafartan? Ka isin dhabamoo
taatan kan isin jiraachise eegana
kan isin ajjeesu (yaroo qaaxaroon
teessan geesse) eegana kan isin
kaasu (guyaa qiyaama) eegana garum isaa (Allah) deebitan.
29-Inni (Rabbiin) isa waan dachiirra jiraa hunda
isiniif uume. Eegana gara sami ka’e samii torba
godhee uume inni (Rabbiin) waahunda nibeeka.
30-(mee yaadadhu) yaroo Rabbiin kee malaikaan ja’u.
ani niin uuma (ilma namaa) lafa keessatti nija’aniin (malaykaan) warreen achi
keessatti badii dalagu uumta warra dhiiga (walii) gad naqu. Nutti
siqulquleesina faaruu teetii waliin siqulquleesina nija’een (Rabbiin) ani waan
isin hin beeyneen beeka.


|