|

|
بسم الله
الرحمن الرحيم Shuruuxa laa'ilaaha illallaah Ulamaa’iin Islaama Jacha laa'ilaaha
illa llaah waa torba (sharxii) (7)
lafa kaayanii akka
torban isii guutuun dirqama ilma namaa taate,
odoo tokkoon isii wal hin faalleeysin . Akkanatti sharxii kana lafa kaayuun
jecha ergamaa Rabbi irraa
fuudhameeti “ nama laailaaha illa laah je’e
waan Rabbi gaditti gabbaramu hunda irraa fagaate horii isa nyaachuu fi dhiiga
isaa gannaquun
haraaami”je’e
tanaaf jachi kun yoo sharxiin
torban kun guututti guuttame malee horiin isaatii fi dhiigni isaa haraam hin tahu
. Akka armaan gadii kana fakkaatti …
1.
BARNOOTA
ISLAAMAA(ILMII ):-
yeroo gabrichi tokkichummaa
Rabbi beeke ka haqaan gabbaramu hinjiruu isa malee wanni isaa gaditti
gabbaramu hundi
badiidha je’e
amane itti dalagee isa kanaatu hiikka isii guututti beeke ja’ama ..
Faallaan barnoota
wallaalummaadha akka gabrichi tokkichummaa Rabbi wallaalee Rabbi
wajji waa yaammachuun
Nidan dahamaa je’ee amanuu. Rabbiin ol tahe akkana ja’a
suura mahammad ayata 19“Beekhi (yaa Muhammad)
ka haqaan
gabbaramuu hin jiruu Rabbi malee” ayata biraatti suura al imran ayata
18 “Rabbiin ragaa bahe akka isa male kahaqaan gabbaramu hin
jirre, malaaykaa fi warri Ilmii qabulleen ragaa bahan isa malee Rabbiin hin jiru
,moohaa waa hunda bakka isiin maltu kaayu” ayata biratti suura faaxir
ayata 28 “Gabroottan Rabbii irraa kan akkaan Rabbi sodaatu
warra waa barate” . 2. YAQIINA
:- Yaqiina jachuun gabrichi Rabbii
jacha (laa ilaaha illa llaah Muhammadun rasuulu llah) jecha
kana lameen afaaniin
dubbachuudha, haala qalbiidhaan
qulqulleessee dhugoomsuun, shakkii takkaan maletti. Namni jacha kana afaaniin
ja’e dirqama qalbiin dhugoomsuudha qaba. tokkichumaan Rabbii haqa tahuu fi wanni
Isaa gaditti
gabbaramu hundi dhara tahuu, yoo, kan shakku taate, ykn wanni Rabbi gadiitti
gaabbaramu nijiraa je’ee shakke, (Rabbiin tokko tahuu niin dhugoomsa garuu
waanni isaa gaditti gabbaramu hin dhabamu)je’e, nama kana Islaamummaan isaa
jalaa badde . Rabbiin oltahe akkana ja’a suura hijri ayata 15 “mu’umina jachuun warra Rabbii fi Ergamaa isaa dhugoomse, eegasii kan
hin shakkine”.akkasumatti ammalle Hadiisa muslim odeesse keessatti abuu hureyraa irra
odeeffame “Gabricha ragaa bahe Rabbi ,malee Rabbiin biraa ka haqaan gabbaramu hin
jiru je’ee Muhammad ergamaa isaati je’e shakki takkaan malee jannata seenu malee
hin taane” je’e
3. HAYYAMUU :-
Hayyamuu
jachuun:- jacha kana hunda guututti hayyamuudha qalbii fi afaanin ajajaa hunda
Fudhatanii itti dalaguudha, waan ergamaa Rabbii (N.R.I.H) irraa odeeyfame hunda
dhugoomsuudhaan odoo humaa irraa hin irrisne waan jachi kun dhufeen hunda
fudhachuudha.. Faallaan hayyamuudha
diduudha nama garii osoo jacha kana beeku ammoo boonaa fii histiif dida, akka
hayyoota yahuuda fi nasaara akka Rabbiin nuuf odeessetti, suuraa
baqara ayata 146 “warri kitaaba kannineef
nibeekan
(Muhammad) akka ilmoo isaani beekanitti, garuu odoo
beekani haqa dhokeessanii didan ”akkasumatti ummanni mushrikaalleen
Ergamaa Muhammad dhugaa tahuu isaa nibeekan
garuu boonaniiti haqa didan .akka Rabbiin je’etti suuraa saaffaat aayata
35 “Ummanni mushrikaa yeroo Rabbi malee Rabbiin haqaan
gabbaramu hin jiru isaaniin ja’ame, ni boonan” akkanumatti namni ahkaama
shari’aa Islaamaa takka dide akka salaata, soommana ykn haddi dide akka nama
hate harka irraa muruu, nama zinaa dalage ajjeesuu yoo nama fuudhe tehe k.k.f.
kuni hundi diduu ja’ama. Rabbiin oltahe suuraa baqaraa aayata 208 “yaa warra Rabbi dhugoomsitan Islaamummaa keessa gututti
seena” ja’a ammallee namni bifa Rabbii takkallee dide ykn bifa
makhluuqaatti fakkeesse, waan Rabbi biraa dhufe hunda guututti fudhachuun
dirqama.. 4. JALA
DEEMUU
:-
waan jachi
kun dhufeen hunda jala deemanii
hujiidhaan agarsiisuu, ajaja Rabbii jala butamanii odoo waatakkallee ifduuba hin
deebine ajaja Rabbii irraa akka Rabbiin ja’etti suuraa luqmaan aayata 22 “
Namni qaama isaatiin ajaja Rabbii jala butame haala inni toltuu
dalaguun dhugaa haada jabaa qabatee jabeeffate”akkasumatti Gabrichi
Rabbii ajaja Ergama Rabbii jala deemuudha haala itti dalaguun odoo humaa
irraa hin irrisne, osoo ittillee
hin idaane akka Rabbiin ja’etti suuraa nisaa aayata 65 “Rabbii keetiin kakadhee hin amanan hanga
waan jidduu isaanitti waldhaban murtii
sigoosisanii, eegasii waan ati murtii gootetti gammadanii harka kannan”
yoo namni tokko ma’anaa jacha kanaa beekee fudhatee garuu faallaa isii
dalage humaa isa hin fayyaddu akka abu xaalib (adeera Ergama rabbii) ma’ana
jacha kanaa ni beeka garuu jala hin deemne humaa isaaf hin goone, haala kanaan
yoo namni hanga fadhe beeke garuu yoo jala hin deemne ibidda azaabaa jalaa isa
hin baastu dirqama jala deemuu qaba |
|