Tawhida

 

 

 

بسم الله الرحمن الرحيم   
S
huruuxa laa'ilaaha illallaah 
   Ulamaa’iin  Islaama Jacha laa'ilaaha illa llaah  waa torba  (sharxii) (7) lafa kaayanii akka  torban  isii guutuun  dirqama ilma namaa taate, odoo tokkoon isii wal hin faalleeysin . Akkanatti  sharxii kana lafa kaayuun jecha  ergamaa Rabbi irraa fuudhameeti “ nama  laailaaha illa laah je’e waan Rabbi gaditti gabbaramu hunda irraa fagaate horii isa nyaachuu fi dhiiga isaa gannaquun  haraaami”je’e tanaaf  jachi kun yoo sharxiin torban kun guututti guuttame malee horiin isaatii fi  dhiigni isaa haraam hin tahu .
Akka armaan gadii kana fakkaatti …

     1.  BARNOOTA  ISLAAMAA(ILMII ):-    yeroo gabrichi tokkichummaa Rabbi beeke ka haqaan gabbaramu hinjiruu isa malee wanni isaa gaditti gabbaramu hundi  badiidha je’e amane itti dalagee isa kanaatu hiikka isii guututti beeke ja’ama ..
Faallaan barnoota wallaalummaadha akka gabrichi tokkichummaa Rabbi wallaalee Rabbi wajji
  waa  yaammachuun
Nidan dahamaa
   je’ee amanuu.  Rabbiin ol tahe akkana ja’a suura mahammad ayata 19“Beekhi (yaa Muhammad)    ka haqaan gabbaramuu hin jiruu Rabbi malee” ayata biraatti suura al imran ayata 18 “Rabbiin ragaa bahe akka isa male kahaqaan gabbaramu hin jirre, malaaykaa fi warri Ilmii qabulleen ragaa bahan isa malee Rabbiin hin jiru ,moohaa waa hunda bakka isiin maltu kaayu”   ayata biratti suura faaxir ayata 28 “Gabroottan Rabbii irraa kan akkaan Rabbi sodaatu warra waa barate” .
2. YAQIINA :-  Yaqiina  jachuun gabrichi Rabbii jacha (laa ilaaha illa llaah Muhammadun rasuulu llah) jecha kana lameen afaaniin dubbachuudha,  haala qalbiidhaan qulqulleessee dhugoomsuun, shakkii takkaan maletti. Namni jacha kana afaaniin ja’e dirqama qalbiin dhugoomsuudha qaba. tokkichumaan Rabbii haqa tahuu fi wanni Isaa gaditti gabbaramu hundi dhara tahuu, yoo, kan shakku taate, ykn wanni Rabbi gadiitti gaabbaramu nijiraa je’ee shakke, (Rabbiin tokko tahuu niin dhugoomsa garuu waanni isaa gaditti gabbaramu hin dhabamu)je’e, nama kana Islaamummaan isaa jalaa badde . Rabbiin oltahe akkana ja’a suura hijri ayata 15 “mu’umina jachuun warra Rabbii fi Ergamaa isaa dhugoomse, eegasii kan hin shakkine”.akkasumatti ammalle Hadiisa muslim odeesse  keessatti abuu hureyraa irra odeeffame “Gabricha ragaa bahe Rabbi ,malee Rabbiin biraa ka haqaan gabbaramu hin jiru je’ee Muhammad ergamaa isaati je’e shakki takkaan malee jannata seenu malee hin taane” je’e
3.  HAYYAMUU :- Hayyamuu jachuun:- jacha kana hunda guututti hayyamuudha qalbii fi afaanin ajajaa hunda Fudhatanii itti dalaguudha, waan ergamaa Rabbii (N.R.I.H) irraa odeeyfame hunda dhugoomsuudhaan odoo humaa irraa hin irrisne waan jachi kun dhufeen hunda fudhachuudha..  Faallaan hayyamuudha diduudha nama garii osoo jacha kana beeku ammoo boonaa fii histiif dida, akka hayyoota yahuuda fi nasaara akka Rabbiin nuuf odeessetti, suuraa baqara ayata 146 “warri kitaaba kannineef  nibeekan (Muhammad) akka ilmoo isaani beekanitti, garuu odoo beekani haqa dhokeessanii didan ”akkasumatti  ummanni mushrikaalleen Ergamaa Muhammad  dhugaa tahuu isaa nibeekan garuu boonaniiti haqa didan .akka Rabbiin je’etti suuraa saaffaat aayata 35 “Ummanni mushrikaa yeroo Rabbi malee Rabbiin haqaan gabbaramu hin jiru isaaniin ja’ame, ni boonan”  akkanumatti namni ahkaama shari’aa Islaamaa takka dide akka salaata, soommana  ykn haddi dide akka nama hate harka irraa muruu, nama zinaa dalage ajjeesuu yoo nama fuudhe tehe k.k.f. kuni hundi diduu ja’ama. Rabbiin oltahe suuraa baqaraa aayata 208 “yaa warra Rabbi dhugoomsitan Islaamummaa keessa gututti seena” ja’a ammallee namni bifa Rabbii takkallee dide ykn bifa makhluuqaatti fakkeesse, waan Rabbi biraa dhufe hunda guututti fudhachuun dirqama..
4.  JALA DEEMUU :-  waan jachi kun  dhufeen hunda jala deemanii hujiidhaan agarsiisuu, ajaja Rabbii jala butamanii odoo waatakkallee ifduuba hin deebine ajaja Rabbii irraa akka Rabbiin ja’etti suuraa luqmaan aayata 22 “ Namni qaama isaatiin ajaja Rabbii jala butame haala inni toltuu dalaguun dhugaa haada jabaa qabatee jabeeffate”akkasumatti Gabrichi Rabbii ajaja Ergama Rabbii jala deemuudha haala itti dalaguun odoo humaa irraa  hin irrisne, osoo ittillee hin idaane akka Rabbiin ja’etti suuraa nisaa aayata 65 “Rabbii keetiin kakadhee hin amanan  hanga waan jidduu isaanitti waldhaban  murtii sigoosisanii, eegasii waan ati murtii gootetti gammadanii harka kannan” yoo namni tokko ma’anaa jacha kanaa beekee fudhatee garuu faallaa isii dalage humaa isa hin fayyaddu akka abu xaalib (adeera Ergama rabbii) ma’ana jacha kanaa ni beeka garuu jala hin deemne humaa isaaf hin goone, haala kanaan yoo namni hanga fadhe beeke garuu yoo jala hin deemne ibidda azaabaa jalaa isa hin baastu dirqama jala deemuu qaba

 

 

 

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)