Seenaa Ulamaa'ii Oromoo

 

                     

Seenaa Sheek  muhammed amin kharroo

     Sheek  muhammed amiin Abdullah yusuf biyyi inni itti dhalatee oromiyaa bahaa kutaa hararige  bahaa naannaawa haramaayaa  karro ganda booyixe ja,amu tti bara 1348 l.h dhalate.

Haati isaa osoo inni xiqqaa irra duute harika abbaa isaatitti guddate .abbaan isaatiis yaroo umirii  isaa amata 4 geessu fuudhee barisiisaa bira geese  akka quriaana horidofu godhe .yaroo umirii n issa ganna jaha geessu quraana fixe.

Itti aanisuudhaan fiqii barachuu jalqabe.sheekkoota biyya  isaaniitti arigamanirraa hanga umiriin isaa amata kudha afur geessutti.

San boda gara sheeka isaa siibaweeyi zamana sanii kan tahe ,kan warra zamana isaatirra hiriyyan hin arikaminiif ,abbaa mohammad  sheek muussa Muhammad addeelle bira demuudhaan isa biratti baruumsa waa,ee afaan arabaatirratti rarra,u

NAHAWII
SARIFI
BALAKHA
ARUUDA
MANXIQA
MAQUULAAT
WADI,I

Fii waan biraatillee biratti barate

Ega isaabiraa fixate booda ammallee gara sheek Muhammad madiid addeelee bira deemuudhaan isa biratii  kitaaboota gurigudda nahawii dhaa qara,uudhan sanbooda kitaaba tafisiiraatitti dabiree tafsiira isarratti qara,e.

Ammallee gara sheek hawwii zamana sanii kan tahe sheek ibraahim yessi gositi isaa maajitiyyi kan taate bira deemuudhaan isarraahille tafisiiraafii kitaaba aruuda dhadheeraa irratti baratee fii akkasumattillee shariilee muxawwala manxiqaabiratti barate.

San boodalle kharaa sheek yuusf usmaan wariqee bira deemuudhaanisarraa kitaaboota fiqii shaafi.iyyaa guriguddaa qara,e.

Ammalle barnoota isaa ittuma fufuudhaan gara sheek ibraahim  mujji bira deemuuddhaan kitaaba nahawii qara,e

Fiqiidhaafii lukhaa afaan arabaa eega fixate booda gara sheeka muhaddisa haafiza zamana sanii kan tahe Ahamed ibrahim kharro bira demuudhan kitaaba bukharii ,musilm

Akkasumattille musxalaha hadiisaa eegaqara,e boodaa gara sheekkota hedduudhaa deemuudhaan sunana afiraniifii muwaxa,I ibnu maaliik qara,e ammallee gara sheek Abdullah qarisaa deemee isarraa kitaaba balaakhaa gurigudda  dhaafii kitaaba usuulaa fiqii qara,e.

Sanbooda sheekkoota isaa kana hundarra hayama arikatee waan isaanirraa barate hunda akka barisiisu (qaraasisu)hayyama godhaniif barisiisuujaliqa,be.

Akka lakkofisa hijiraa tti bara 1373  ji’a Rabii’ul awal 12 tti jalqabe.

Akkasumattilee kitaboota hedduu barrassee.

Kitaa boota isaatirra hedduun isaa hinxabba’amine.ammo oromiyaa keessatti baayyinaan arikama.

 

 

Copyright © 2010 oromomuslim.com   All Praise is due to Allah (SWT)