Seenaa Sahaabaa

 

 

 Abuubaker Siddiiq

Maqaan isaa Abdallaa ilma  abba quhafaa Usmaan ilma Ka’aab Taymimiyyi Qureeshii . Haatiin isaa Ummu Kheeyer Salmi intala sakher  ilma ammaar Taymimiyyi .

Bara dhalatee 573 . Nama dura dhiira gurgudda irra Ergamaa Rabitti amanerrahi , Kulafaa (Bakka bu’aa Ergamaa Rabbi ) ka duraati . Siddiiq ja’amae wanni moggafameef  waan Ergamaan Rabbii samii itti dhufu hunda dhugoomsuu fi . Ummata Gurgudda qureeshi irraahi ammalle taajira gurguddaa irrahi .

   Nama yaroo jaahilumma Ergamaan Rabbii hin ergamani farshoo dhuguu firratti haraam godhe  . Waraana hunada hirmaachudhaan rakko adda addaa itti dhufte irratti obese .

  Yarii Ergamaan Rabbii gama Madiinaa gotaanuuf deemaan waliin jiran , Yaroo Ergamaan Rabbi dhukkubsate Isaani salaachisi ja’ee bakka buuse .

Guyya Ergamaan Rabbi du’ani  Sahabaan isa filatte akka bakka bu’aa Ergamaa Rabbi tahuu filatanii haddi seenaniif .

  Warra amantii isaanirra garagaleefi warra zakaa kanachuu dideen isaaniin lolee . Yaroo inni mottumarra jiruu biiya Shaam ja’amtu  cabtee banamate.Eega ganna lamaa fi ji’a jaha bulache booda  addunya tanara kutan.

                       Umar ibnu khaxxaab
 
Maqaan isaan Umar ilma khaxxaab ilma Abduul izzaa ka gosti isaa Quresh . ammalle maqaan beekamuun Abuu Haafsaa .Ergamaan Rabbii Faruuq ja’ee isa waama .Haatiin isaa Hantama intala hishaam ilma mukhiira , isiin tuun ubbaleeytii Abii Jahaali .

   Inni Khulafaa’I lammaffa , tokkoffa nama ‘Amiiruul Mu’umiin ’ ja’aame moggaafame

Yaroo jaahilumma irra gurgudda khabaa Qureeshi keesaahi ture .

   Godaansa gama madiinaa amata shan durati islaamaawe , Waaraan heddu keesa abba waraana isa godhe  Ergamaa Rabbii  isa ergee jira .

   Guyyuma du’iinsa Abu Bakar  bulchiinsaaf filatamee haddii seenaniif   , Abubaker sahaabaa waliin mariyatee isa  filee ashabaanis gammadde qeebalte .

  Akkasitti Abubaker akka inni qaadi ummata akka tahu isa filee  ,haala kanaan qaadi  duraa islaamumma keesatti tahe .yaroo dheeraaf sahabaan imaana isaani jabaa waan taheef obbaleeyyuummaan isaamaa isaan jiddutti jabaa waan taheef  waldhabani  isa bira murtiif   hin dhufne .

  Nama dura ganna hijraa irra taarika islaamaa ja’ee lafa kaaye . Beetuul maal (Mana diinaggeen ) itti walitti qababu ummata islaamaati qopheeyse .

  Nama farshoo dhugee garaffii 40 irra gama 80 itti ol baase .Yaroo salaata Ishaa’aa  booda ummata masjiida keesa jiruu irra deeme akka hiraata nyaatan gaafatan yoo ka hin nyaanne taate if waliin fuudhe isaan nyaachisa .

  Yaroo inni mootumarra jiruu Biyya heddu cabsamee  ta akka Shaam ,Iraaq , Qudisii, Misra k.k.f .

  Karaa makka fi madiina jiddu jiruu warra karaa deemuuf mijjeese karaa keesalle bakka bishaan irra dhugan qopheeyseef   .

Isaa salaata Subhii salaatu ilmi Mukhiiraa  ibnu Shu’aab ja’aamu isa waraane ajjeefame shahiide . Egaasi qabrii abubajer biratti awwaalame  ta Ergamaa Rabi biratti awwaalamaan

  Yaroon inni motumma irra ta’ee ganna 10 fi ji’aa 6 .

Ergamaa Rabbi isarra dubbate akki ja’een “Rabbiin haqa arraba Umari irratti godhe ” Abubakerii akki ja’ee Ergamaa Rabbii isaani ja’uun dhagahe “Waan aduun irratti baate hundarra nama Umer ibnu khaxaab caalu hin jiru

Umer Ibnu Khaxxaab isaa ganna 63 du’e  ..Rabbiin dalagaa isaa irra haajaalatu

 

 

Copyright © 2010 oromomuslim.com   All Praise is due to Allah (SWT)