Soomana

 

 

Sadarkaa Hiraabbatuun Qabdu

1-Barakaa Rabbiraa taate nammaaf sabachiisti

Gurbaa tokko sahabaa Ergamaa Rabbbi irraa odeeyfame ni ja'e:ergamaa Rabbiittiin ol seene isaa hiraaba nyaachutti jiru duba naan ja'e “isiin tun (hiraabni)barakhaa Rabbiin isiniif khanneeti hin dhiisinaa”.

2-Araarama Rabbiraa tahe nammaaf sabachiisa

Ibnu Umar irraa odeeyfamee(R.H)ni ja'e :Ergamaan Rabbii(N.R.H)ni ja'e : “hiraaba nyaachuun barakha dhaa,nyaachuu hin dhiisinaa oso habbuuqqaa bishaanirraa taateenillee tahe,Rabbiifii Malaaykooti Rabbii nama hiraaba nyaaturratti salawaata buusanii.(salawaatni Rabbii araarama hoggaa tahu,kan malaaykaadhaa du'aa'iidha taha)hadiisa kana Abuu nu'eeymii fiii Ibnu Hibbaan akkasuma Xabraaniitu gabaase.

3-Soomana yahuudaatiin adda nama gooti

Amri ibnu Aasirraa odeeyfamee ni ja'e :ergamaan Rabbii(N.R.H)ni ja'e “wanni soomana keenyaa fii sommanaa yahuudaa fii Nasaaraa addaan baasu hiraaba nyaachuudha”.hadiisa kana muslim,Tirmiizii fii Nasaa'iitu gabaase

 

 

.

 

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)