Oromo Muslim


 


 

 Ibaadaa

 

 Ibaadaa Jachuun

 Salaata

 Soomana

Zakaa

 Hajjii

Xahaara

 

 Shamarran

 

 Dubartiin Islaamummaa dura

 Dubartiin Islaamummaa Booda

 Hijaaba

 

 

  

Bid'aa

Obsa

 Gorsa

Shirkii

 

 

 

 

 

 

 

                                      

Qur'anaa jachun
Maqaalee qur’aanaa
?Quraanni yoom bu’uu jalqabe
?Akkaataa  meeqatti qraanni kun bu’uu jalqabe
?Quraanaafii hadiisini garaagarummaan isaan qaban maal fakkaatti
?Quraannii yaroo kam barreeyifamuu(katabamuu)jaliqabe
Quraanni zamana abuubakiri walitti qabame
?Abuubakiri yaroo umar walitti haaqabamu ja’uun san maaliif dide

Qur'aana jachuun

    Quraana jachuun jacha rabbii keenya guddaa kan  mu’jizaadhaa ,kan rabbin maayyii nabiyyootatiif ii erigamatootaa tirratti buuse,kara  jibiriiiliin kanabarreeyifame kitaabarratti karaa namoota heddduu dhaatiin kan gara keenya gehe yaroo taahu isaqara’’uudhan kan rabbi gabbara suuraaftihaatiin jalqabamee jalqabameesuuratunaasiittikan dhumu.

.Maqaalee qur’aanaa

    Quraanii maqaalee hedduu qababa hundinuu darajaa quranni qabubu kan garisiisu .ammallee irra caalaa kitaaba samiidhaa bu’fame tahuu isa kan nugarisiisuu.

Maqaaleen sanilleen : Quraana      Furqaan    Tanziil     Zikiri     Kitaab
Akkasuma Rabbiin sifa adda addaatiin yaameti jira.sifaaleen saniis:
     
Nuur    Haadii     Rahamata   Shifaa      Moowi’zaa     Aziiz     Mubaarak    Bushiraa     Naziir
Akkasuma sifaaleen biraatiis nijiriti

Quraanni yoom bu’uu jalqabe?

    Osooniif erigamaan rabbii naagayaafii rahamanni isarratti haajiraatuu erigamiinsa isaatiin duratti goda gaara hirraa’I ja’amu keesa taate rabbi gabbaruudhatti jiruu malaayikichi jibiriil ja’amu isati dhufuudhaan quraana ji’a ramadaana keessa isarratti qara’uudhaan qara’I ja’een yaroo sanirraa quraanni erigamaadharratti bu’uu jalqabe.
Yaroosan umriin erigamaadhaa ganna afurtam(40)turite.
Yaroo san malaayikichii san qara’I isaan jachuudhaan jalqabefaraqaa lama takkaahuu sadii itti daddeebi’uudhaan,sanboodaerigamaan rabbii ani nama qara,uu beekuumiti ja,een.boodarratti suuraa iqira ja’amitu isarratti qara’e.(buuse)hanga aayaata shaniitti.
Haalaa kanaan quraanni erigamaa rabbiitirratti walafaana bu’uu jalqabe.hanga aayaanni maayyiidhaa kan suuraa baqaraa keessatti arikamu (2-281)kan sodaadha guyyaa isakeessatti karaa rabbii deebi’uudhaaf jiraattan.
Akka gariin ulamaadhaa ja’anitti aayaanni kun du’a erigamaa rabbittiin duratti hanga guyyaa sagaliiti(9)ti buute ja’an
Eega qraanni guutame booda erigamaan rabbii nagayaafii rahammanni isarratti haajiraatuu gara rahamata rabbii isaa deebi’e. Yaroon inni itti du’e halikan isiniinaa ji’a rabiul awwal guyyaa sadaffadhaatti Haalaa kanaan quraanni erigama rabbiitirrattiamata 23 keessatti bu’ee ti dhume.
         
Akkaataa  meeqatti qraanni kun bu’uu jalqabe?

Quraannii akkaataa lamatti bu’uu ture

1.loohalmahafuuziira gara samii addunyaa dhaattii gadi buufamee halkan leeyilatul qsadirii keessattibakka mana samii addunya keessatti arigamu kan beeyitul uzz ja’amituttiyaroo gadi bu’u
2.faraqaa lammafaadhaa tirratti samii addunyaadhaatirra
  gara  biyya lafaatitti yaroo yaroodhatti xiqoxiqqon amaa 23 keessatti buufame dhume.
Quraanni yaro yaroodhaan bu’uun faayidaa maaliiti qaba?   Faayidaa hedduu qaba ,san keessa

1.qalibii erigamaa isaa sabachiissuuf azaa mushirikin  isarran gehurratti
2.yaroo wahayiin buutu san garaa erigamaa laaffisuu
3.hukimii shari’aa yaroo samii dharra buutu ummata lenjisu dhaaf.
4.qraana haffazuun a kka ummata
  isilaamaatiif laaftuuf ii fahamaniif jachaa
5.waan haaraya yarooniiff
  arikamitu sanirratti nama dammayisuudhaaf
6.quraana kana namini buusee rabbi tahuudharrattinamaqajeelichuudhaafii akkasumattille fayidaan biraatiis nijiriti.
    Erigamma rabbi nagayaafii rahamanni isarratti haajiraatu quraanni haala kamiin isa gehe?
Gara erigamadha akkaataan quraanni itti gehe karaa jibiriiliin yroo tahu ,jibriiliis osooniif waan takkalle itti hin ida’in osooniif irraahiis hin irrisin akkuma rabbin isa ajajetti irratti buuse, akkasuma ergamaan rabbii tiis akkuma isarratti buufametti ummatatti dhaqabisiise(dabarise).quraanni lafiziin isaatiifii ma’aanaan isaatilleen rabbumarrahi.
jalqaba

Quraanaafii hadiisini garaagarummaan isaan qaban maal fakkaatti?

    Akkuma beekkamutti qraanni lafziin (barruun)isaatiifi ma’aanaan (hiikkaan iis )rabbi bira yarootaatu
Hadiisini lafiziin tan erigamaadhaa yaroo taatuu ma’aanaan isaa rabbirraahi.akka rabbin suuraa najimi keessatti nuuf ibisetti.”wamaa yanxiqu anil hawaa, inhuwa illaa wahayon yuuhaa”,hiikkaan isaa erigamaan rabbii ifbira hin dubbattu wahayii gara isaa godhamiteyooniif taate malee”
Quraana yaroo qaraanu rabbiin harifii takkati sawaaba(ajirii)kudhan nuuf kataba.
Haadiisa lafizii isaa qara’uudhaan saawaabini nuuf hin katabamu ammoo yaroo hukimii isaatitti hojjannu (dalayinu)sawaaba itti arikanna ,akkasuma yaroo hadiisa qaraanu maqaan erigamaa rabbi yaroo dhawamu nagayaafii rahamata yaroo irratti buufine rabbiin sawaaba nuuf itti kataba(kanna). 

Quraannii yaroo kam barreeyifamuu(katabamuu)jaliqabe?

      Quraanni yaroo lama walitti qabame,yaroon takka osoo ergamaan rabbii nagayaafii rahammanni isarra haajiraatuu jiruuti.
Yaroon lammaffaa zamana kaliifoota (bakka buutoota)erigamaa rabbiiti
  ture.
Yaroo erigamaan rabbii ture san sahaabaan qoma isaaniititti
  haffazuudhaan akkasuma bakka adda addaatii (waan adda addaa tirraatti )barreessaati turan
Zamana ergamaa rabbii
  san keessa warri ergamaa rabbii jalaa quraana barreessaa turan hedduu dha turan,isaan san keessaa warri babbeekamoon
1.zeyid ibnu sabit
2.ubayyi ibnu ka’ab
3.mu’az ibu jabal
4.mu’aa’wiyaa ibnu absufian
akkasumattillee kaliifaallee afraniifii warren birraatilleen nijiran
akka sahiiha bukhaarii dhaatiifi muslim keessatti jirut anasirraa odeeyifamee zamana ergama rabbii keessatii warri qraana haafazuudhaan walitti qabatan nama afur(4)isaan san hundi isaanii warruma ansaaraatirrah maqaan isaaniitiis

1.ubayyi   ibnu ka’ab
2.mu’aaz ibnu jabal
3.zeyid ibnu saabit
4.abuuzeeyid
anas
  maal ja’a abuuzeyidiin kun eenyu ja’anii isa gaafannaan tokko eessumman kiyyaati je’e.
jarreen kun warren
  babbeekamoo yarootahan isaan kana malee isaan kana malee warra kitaabaa mata isaanii qabuutu jira.

Akka

1.Abdullah ibnu masuud
2.aliyyi ibnu abiixaalib
3.a’ishaa dhaafii warren biraatilleen
  nijiran
yaroosan wanni isaan irratti barreessaa turan kallo lonii(hori),lafe,baala mukaa faa dharratti barreessaati turan
                                                                                                                                                                                                           jalqaba

quraanni zamana abuubakiri walitti qabame

       Erigamaan rabbiinagayaafii rahamanni isarratti haa jiraatuu eega du’e booda bakka bu’aa isaa tahe ummata isilaamaa hoogganuu galiqabee ture.yaroo kana abubakir qabisoo adda addaa godhaa turan.
      Yaroo san keessatti ummanni isilaamaa bakka adda addaa titt
  bahaniiti turan isanirra warra kafareetu jira,warra zakka kannuu dideetu jira.warri kafiran san sabaabaa namitichi musiylimaa ja’amu jijibaan  tokko ani nabiyyii  dha jachuudhaan  ummaata gara isaa yaamuu jaliqabee f jachaa ,namiticha saniifii abuubakir jidduu dhatti  lolli guddaan (qabisoon )guddoon adeemisifameeti turite.
      Keessattuu bakka yamaa maa ja’amitutti
  sahaabaa guriguddoo dharraa warri quriaanaa  haffazanii jiranirraa toora nama toribaatami(70)tu du’e. umar ibu khaxxaab dhumiinsi sahaabaa kun waan hedduu isa yaachiseef jacha abuubakiri bira deemee wanni je’een quraana yooniif walitti qabine maal sitti fakkaata ?ja’eni walmarihatan durarratti nidide maayyiidharratti  dubbiin tun waan hedduu nama yaachifituuf jachaa haaya je’een.san booda abuubakiriis gara zeyid ibnu saabit erigaa erigee .zeeyidilleen akkuma abuubakiri duraan didetti ,faraqaa duraa diidee ture inni niis egaanii haala yaroo saniitiifii yaadasan wal cinaa qabee egalaale booda haaya je’e qeebale.
        Bukariin
  akka odeessetti zeydi ibinu saabitirraa odeeyisetti rabbiin dalagaa isaa irraa haa haajaalatuu mal ja,e eega lola yamaama booda haafizan quraanaa namoonni torbaatam waan shahiidananiif  jachaa erigaa natti erige sanbooda yaroon deeme isabira dhaqu umar ibnu kaxaab isa bira jira  hoogguu san  wanni inni naan ja’e  kunoo umar nabira dhufee tti sahabadharra warri haafizzanni waan hedduun du’aniif jachaa bakka biraatittiis yooniif haalli kun yooniif kan itti fufu tahe quraanni dhabamuu dhaan sodaadhaa  saniifuu quraannii akka walitti qabamuusaniitu natti mullata naan ja’etii  ammallee akka walitti qaban aja’ji naan ja’e.duuba waan erigamaan rabbii nagayaafii rahamanni isarratti haajraatuu hin dalagin akkamittiin dalagan ja’een,sanirratti umar wallaahi hujiin tun hujii gaariidha naan ja’e. sanbooda haya je’eetiin qeebalee  mee athoo maali sitti fakkaata erigamaa rabbii jalaahillee wahayii katabaaati turite ,quraanallee walitti qabudhaf jala deemaati turite naan je’e waan amma ati amma ati itti na’ajajje kanara osoniifi gaara buqqaasii jachuudhatti na’ajajjeehii naaf irra wayyaadhaan ja’een. Isin lamaan waan erigamaan rabbii hin hojjatin akkamitti hojjataniin ja’een .abuubakir yaroo san wallahi tuni hiujii gaaridha naan ja’e ,natti daddeebi’ee nagaafachuu hindhiifine.hangan haaya ja’uunittti.
        Sanbooda quraana bakka itti barreyifamerra walitti qabuu
  jaliqabe,kankallooddharratti katabameefii kan mukarratti kan hifziidha qaban hunda walitti qabuudhaan jaliqabee haangaan aayaata suuraa towibaa kan maayyidhaa abuukhuzeyimatal ansaarii biraa hangaan arkadhuutti,aayaata san isa biraa malee hin arikanne “laqad jaa’akum----“aayaata ja’u yaroo tahu
        Sanboda kitaabinisun abubakiri bira ture hanga du’utti. Sanbooda umar bira ture hanga du’utti ,sanbooda hafsa bira ture.rabbiin isaan hundarrahuu haajaalatuu.
       Riwaayaan bukariin odeesse tan sababaa quraanni walitti qabameef ibisiti
                                                                                                                   jalqaba

Abuubakiri yaroo umar walitti haaqabamu ja’uun san maaliif dide?

        Yooniifiin quraana waraqaadharratti kanbarreeyifamuu tahe ummanni waan haffazuudharraa if booda ja’aniif waan barreeyifamee jiruuf jacha.
        Karaa kaaniin waan ergamaan rabbii hingodhin yooniifiin godhe dilikeessan seena waan sodaa teef
  jachaa ,sanbooda gaarii tahuun itti mullateef haaya ja’e.
        Abuubakrii osooniif sahabadharra warri biro jiranii maaliif zeydiin waliin walmarihate dalagaa tanafakkaaturratti?
     Quraana walitti qabuudharratti dandeeyitii warren kaan caalaa waan qabuuf jachaa.osoo rassuuli jiruu waan haffazeef jachaa. Sanbira dabiree sifaa jaalatamituu adda addaa jaalatamituu waan qabuuf jachaa dha.
       Zeeydi yaroo quraana barreessu san aayaata suuraa towbaa kan maayyiidhaa abukhuzeymatul ansari biraahiin arike jachuun isa maali?
Akka jachuun isaa barreyifaman namini issa bira jirtu isuma qofa
  jachuudha malee namini biro hin beeku jachuudhaamiti.sahaabaadharaa warri aayaata san hifizii qabu warra hedduudha.
Quraanni zamana khaliifummaa usmaan keessa walitti qabame hoo maal fakkaata?
         Sababaa dowilaan ummata isilaama baballateef jachaa biyya adda addaa keessatti qaratiin waldhabisisani qara’uu waan jalqabaniif
  jachaa akkaniif waldhabbiin tun haftuuf jachaa kitaabatokkoprra akkaniif  namni hundi barreeyifatee barsiisuufi jacha sahaba rassuulaatirraa warren caccalloo haafizzan amanamo kantahan

1.zed ibnu sabit
2.Abdullah ibnu zubeyri
3.sa’ad ibnu aasi
4.abdurahaman ibnu hisham
      Isaan hundinuu zeydi malee qureeyishiidharrahi ammallee muhaa jirtoota.inni
  ammoo ansaaraakkaniif baarreessan ajaje ammalle kitaaba abibakirii sanilleee akkaniif irra kataban godhe hafisa bint umar biraa fuudhaniiyaroon isaan akkanatti isaan  kitaban kun hijiraa 23 ture.
Garaagarummaan walitti qabiinsa quraanaa kan abubakriitiif kan usmaan maal fakkaatti?
Abubakriwanni walitti qabeef sababaa haafizzan du,uutiin quraanni nidhabamaa waan sodaateef yerootahu.
Usmaan ammoo sababaa walkilaafa qurraa’oota jiddudhatti jiru waan dhabamisiisuu barbaadeef jachaadha.
Haala kanaan quraanni walitti qabame nuskhaa jaha(6)tti barreesse kaaye.sanirraa hanga ammatti barreeyifama jira.
                                                                    jalqaba 

 

 

Oduu dajjaal quba qabduu

 

Oduu nama ka'abaa jaaree

 

?..Nidilooytee

 

Yaa kan Salaata jama'aa iraa booda aanu

 

Yoomin Akka namaa Tahaa

 

Walaloo fii Jachoota

 

 

 

Akkaataa Ergamaan Rabbii Samii itti bahe

 

Sadarkaa Ji'a Sha'abaanaa

 

Akkamitti Soomana Soomana

 

Sadarkaa Soomanni qabu

 

Arraba ofii tiiffachuu

 

Simannaa Ramadaanaa

 

Maaliif if daganna.?

 

Gatiin Yaroon nama Islaamaa Qabdu

 

Dhukkuba qalbiitii fii dawaa isii

 

 

 

Barnoota Hajjii
Lakkoofsa 2
ffaa

 

Barnoota Hajjii Lakkoofsa 3ffaa

 

Sadarkaa Kurnan Zulhijaa qabu

 

Gochaa fii jacha nama islaamaatiif
barbaachisaa
Kutaa 1 faa

 

Gochaa fii jacha nama islaamaatiif barbaachisaa kutaa 3faa

 

Gochaa fii jacha nama islaamaatiif barbaachisaa kutaa 5faa 

 

Gochaa fii jacha nama islaamaatiif barbaachisaa kutaa 7faa 

 

Gochaa fii jacha nama islaamaatiif hin barbaachifne Kutaa 2 faa

 

Gochaa fii jacha nama islaamaatiif hin barbaachifne kuta 4faa

 



 
partypoker

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)