| Qur'aana
jachuun
Quraana jachuun jacha rabbii keenya guddaa kan mu’jizaadhaa ,kan rabbin maayyii
nabiyyootatiif ii erigamatootaa tirratti buuse,kara jibiriiiliin kanabarreeyifame kitaabarratti
karaa namoota heddduu dhaatiin kan gara keenya gehe yaroo taahu isaqara’’uudhan
kan rabbi gabbara suuraaftihaatiin jalqabamee jalqabameesuuratunaasiittikan
dhumu.
Quraanii maqaalee hedduu qababa hundinuu darajaa quranni qabubu kan
garisiisu .ammallee irra caalaa kitaaba samiidhaa bu’fame tahuu isa kan
nugarisiisuu.
Maqaaleen sanilleen : Quraana Furqaan
Tanziil Zikiri Kitaab Akkasuma Rabbiin sifa adda addaatiin yaameti
jira.sifaaleen saniis: Nuur
Haadii Rahamata Shifaa
Moowi’zaa Aziiz
Mubaarak Bushiraa Naziir Akkasuma sifaaleen biraatiis nijiriti
Osooniif erigamaan rabbii naagayaafii rahamanni isarratti haajiraatuu
erigamiinsa isaatiin duratti goda gaara hirraa’I ja’amu keesa taate rabbi
gabbaruudhatti jiruu malaayikichi jibiriil ja’amu isati dhufuudhaan quraana ji’a
ramadaana keessa isarratti qara’uudhaan qara’I ja’een yaroo sanirraa quraanni
erigamaadharratti bu’uu jalqabe. Yaroosan umriin erigamaadhaa ganna
afurtam(40)turite. Yaroo san malaayikichii san qara’I isaan
jachuudhaan jalqabefaraqaa lama takkaahuu sadii itti
daddeebi’uudhaan,sanboodaerigamaan rabbii ani nama qara,uu beekuumiti
ja,een.boodarratti suuraa iqira ja’amitu isarratti qara’e.(buuse)hanga aayaata
shaniitti. Haalaa kanaan quraanni erigamaa rabbiitirratti
walafaana bu’uu jalqabe.hanga aayaanni maayyiidhaa kan suuraa baqaraa keessatti
arikamu (2-281)kan sodaadha guyyaa isakeessatti karaa rabbii deebi’uudhaaf
jiraattan. Akka gariin ulamaadhaa ja’anitti aayaanni kun
du’a erigamaa rabbittiin duratti hanga guyyaa sagaliiti(9)ti buute
ja’an Eega qraanni guutame booda erigamaan rabbii
nagayaafii rahammanni isarratti haajiraatuu gara rahamata rabbii isaa
deebi’e. Yaroon inni itti du’e halikan isiniinaa ji’a
rabiul awwal guyyaa sadaffadhaatti Haalaa kanaan quraanni erigama
rabbiitirrattiamata 23 keessatti bu’ee ti dhume. Akkaataa meeqatti qraanni
kun bu’uu jalqabe?
Quraannii akkaataa lamatti bu’uu ture
1.loohalmahafuuziira gara samii addunyaa
dhaattii gadi buufamee halkan leeyilatul qsadirii keessattibakka mana samii
addunya keessatti
arigamu kan beeyitul uzz ja’amituttiyaroo gadi bu’u 2.faraqaa lammafaadhaa tirratti samii
addunyaadhaatirra gara biyya lafaatitti yaroo yaroodhatti xiqoxiqqon
amaa 23 keessatti buufame dhume. Quraanni yaro yaroodhaan bu’uun faayidaa maaliiti
qaba? Faayidaa hedduu qaba ,san keessa
1.qalibii erigamaa isaa sabachiissuuf azaa
mushirikin isarran gehurratti 2.yaroo wahayiin buutu san garaa erigamaa
laaffisuu 3.hukimii shari’aa yaroo samii dharra buutu
ummata lenjisu dhaaf. 4.qraana haffazuun a kka ummata isilaamaatiif laaftuuf ii fahamaniif
jachaa 5.waan haaraya yarooniiff arikamitu sanirratti nama
dammayisuudhaaf 6.quraana kana namini buusee rabbi
tahuudharrattinamaqajeelichuudhaafii akkasumattille fayidaan biraatiis
nijiriti. Erigamma rabbi nagayaafii rahamanni isarratti
haajiraatu quraanni haala kamiin isa gehe? Gara erigamadha akkaataan quraanni itti gehe
karaa jibiriiliin yroo tahu ,jibriiliis osooniif waan takkalle itti hin ida’in
osooniif irraahiis hin irrisin akkuma rabbin isa ajajetti irratti buuse,
akkasuma ergamaan rabbii tiis akkuma isarratti buufametti ummatatti
dhaqabisiise(dabarise).quraanni lafiziin isaatiifii ma’aanaan isaatilleen
rabbumarrahi.jalqaba
Akkuma beekkamutti qraanni lafziin (barruun)isaatiifi ma’aanaan (hiikkaan
iis )rabbi bira yarootaatu Hadiisini lafiziin tan erigamaadhaa yaroo taatuu
ma’aanaan isaa rabbirraahi.akka rabbin suuraa najimi keessatti nuuf
ibisetti.”wamaa yanxiqu anil hawaa, inhuwa illaa wahayon yuuhaa”,hiikkaan isaa
erigamaan rabbii ifbira hin dubbattu wahayii gara isaa godhamiteyooniif taate
malee” Quraana yaroo qaraanu rabbiin harifii takkati
sawaaba(ajirii)kudhan nuuf kataba. Haadiisa lafizii isaa qara’uudhaan saawaabini
nuuf hin katabamu ammoo yaroo hukimii isaatitti hojjannu (dalayinu)sawaaba itti
arikanna ,akkasuma yaroo hadiisa qaraanu maqaan erigamaa rabbi yaroo dhawamu
nagayaafii rahamata yaroo irratti buufine rabbiin sawaaba nuuf itti
kataba(kanna).
Quraanni yaroo lama walitti qabame,yaroon takka osoo ergamaan rabbii
nagayaafii rahammanni isarra haajiraatuu jiruuti. Yaroon lammaffaa zamana kaliifoota (bakka
buutoota)erigamaa rabbiiti
ture. Yaroo erigamaan rabbii ture san sahaabaan qoma
isaaniititti haffazuudhaan akkasuma
bakka adda addaatii (waan adda addaa tirraatti )barreessaati turan Zamana ergamaa rabbii san keessa warri ergamaa rabbii jalaa quraana
barreessaa turan hedduu dha turan,isaan san keessaa warri
babbeekamoon 1.zeyid ibnu sabit 2.ubayyi ibnu ka’ab 3.mu’az ibu jabal 4.mu’aa’wiyaa ibnu absufian akkasumattillee kaliifaallee afraniifii warren
birraatilleen nijiran akka sahiiha bukhaarii dhaatiifi muslim
keessatti jirut anasirraa odeeyifamee zamana ergama rabbii keessatii warri
qraana haafazuudhaan walitti qabatan nama afur(4)isaan san hundi isaanii warruma
ansaaraatirrah maqaan isaaniitiis
1.ubayyi
ibnu ka’ab 2.mu’aaz ibnu jabal 3.zeyid ibnu saabit 4.abuuzeeyid anas
maal ja’a abuuzeyidiin kun eenyu ja’anii isa gaafannaan tokko eessumman
kiyyaati je’e. jarreen kun warren babbeekamoo yarootahan isaan kana malee isaan
kana malee warra kitaabaa mata isaanii qabuutu jira.
Akka
1.Abdullah ibnu masuud 2.aliyyi ibnu abiixaalib 3.a’ishaa dhaafii warren biraatilleen nijiran yaroosan wanni isaan irratti barreessaa turan
kallo lonii(hori),lafe,baala mukaa faa dharratti barreessaati turan jalqaba
quraanni zamana abuubakiri
walitti qabame
Erigamaan rabbiinagayaafii rahamanni isarratti
haa jiraatuu eega du’e booda bakka bu’aa isaa tahe ummata isilaamaa hoogganuu
galiqabee ture.yaroo kana abubakir qabisoo adda addaa godhaa turan. Yaroo san keessatti ummanni isilaamaa bakka adda
addaa titt bahaniiti turan isanirra
warra kafareetu jira,warra zakka kannuu dideetu jira.warri kafiran san sabaabaa
namitichi musiylimaa ja’amu jijibaan
tokko ani nabiyyii dha
jachuudhaan ummaata gara isaa yaamuu
jaliqabee f jachaa ,namiticha saniifii abuubakir jidduu dhatti lolli guddaan (qabisoon )guddoon
adeemisifameeti turite. Keessattuu bakka yamaa maa ja’amitutti sahaabaa guriguddoo dharraa warri
quriaanaa haffazanii jiranirraa toora
nama toribaatami(70)tu du’e. umar ibu khaxxaab dhumiinsi sahaabaa kun waan
hedduu isa yaachiseef jacha abuubakiri bira deemee wanni je’een quraana yooniif
walitti qabine maal sitti fakkaata ?ja’eni walmarihatan durarratti nidide
maayyiidharratti dubbiin tun waan hedduu
nama yaachifituuf jachaa haaya je’een.san booda abuubakiriis gara zeyid ibnu saabit
erigaa erigee .zeeyidilleen akkuma abuubakiri duraan didetti ,faraqaa duraa
diidee ture inni niis egaanii haala yaroo saniitiifii yaadasan wal cinaa qabee
egalaale booda haaya je’e qeebale. Bukariin
akka odeessetti zeydi ibinu saabitirraa odeeyisetti rabbiin dalagaa isaa
irraa haa haajaalatuu mal ja,e eega lola yamaama booda haafizan quraanaa
namoonni torbaatam waan shahiidananiif
jachaa erigaa natti erige sanbooda yaroon deeme isabira dhaqu umar ibnu
kaxaab isa bira jira hoogguu san wanni inni naan ja’e kunoo umar nabira dhufee tti sahabadharra
warri haafizzanni waan hedduun du’aniif jachaa bakka biraatittiis yooniif haalli
kun yooniif kan itti fufu tahe quraanni dhabamuu dhaan sodaadhaa saniifuu quraannii akka walitti
qabamuusaniitu natti mullata naan ja’etii
ammallee akka walitti qaban aja’ji naan ja’e.duuba waan erigamaan rabbii
nagayaafii rahamanni isarratti haajraatuu hin dalagin akkamittiin dalagan
ja’een,sanirratti umar wallaahi hujiin tun hujii gaariidha naan ja’e. sanbooda
haya je’eetiin qeebalee mee athoo maali
sitti fakkaata erigamaa rabbii jalaahillee wahayii katabaaati turite
,quraanallee walitti qabudhaf jala deemaati turite naan je’e waan amma ati amma
ati itti na’ajajje kanara osoniifi gaara buqqaasii jachuudhatti na’ajajjeehii
naaf irra wayyaadhaan ja’een. Isin lamaan waan erigamaan rabbii hin hojjatin
akkamitti hojjataniin ja’een .abuubakir yaroo san wallahi tuni hiujii gaaridha
naan ja’e ,natti daddeebi’ee nagaafachuu hindhiifine.hangan haaya
ja’uunittti. Sanbooda quraana bakka itti barreyifamerra
walitti qabuu
jaliqabe,kankallooddharratti katabameefii kan mukarratti kan hifziidha
qaban hunda walitti qabuudhaan jaliqabee haangaan aayaata suuraa towibaa kan
maayyidhaa abuukhuzeyimatal ansaarii biraa hangaan arkadhuutti,aayaata san isa
biraa malee hin arikanne “laqad jaa’akum----“aayaata ja’u yaroo tahu Sanboda kitaabinisun abubakiri bira ture hanga
du’utti. Sanbooda umar bira ture hanga du’utti ,sanbooda hafsa bira ture.rabbiin
isaan hundarrahuu haajaalatuu. Riwaayaan bukariin odeesse tan sababaa quraanni
walitti qabameef ibisiti jalqaba
Yooniifiin quraana waraqaadharratti
kanbarreeyifamuu tahe ummanni waan haffazuudharraa if booda ja’aniif waan
barreeyifamee jiruuf jacha. Karaa kaaniin waan ergamaan rabbii hingodhin
yooniifiin godhe dilikeessan seena waan sodaa teef jachaa ,sanbooda gaarii tahuun itti mullateef
haaya ja’e. Abuubakrii osooniif sahabadharra warri biro
jiranii maaliif zeydiin waliin walmarihate dalagaa
tanafakkaaturratti? Quraana walitti qabuudharratti dandeeyitii
warren kaan caalaa waan qabuuf jachaa.osoo rassuuli jiruu waan haffazeef jachaa.
Sanbira dabiree sifaa jaalatamituu adda addaa jaalatamituu waan qabuuf jachaa
dha. Zeeydi yaroo quraana barreessu san aayaata
suuraa towbaa kan maayyiidhaa abukhuzeymatul ansari biraahiin arike jachuun isa
maali? Akka jachuun isaa barreyifaman namini issa bira
jirtu isuma qofa jachuudha malee namini
biro hin beeku jachuudhaamiti.sahaabaadharaa warri aayaata san hifizii qabu
warra hedduudha. Quraanni zamana khaliifummaa usmaan keessa
walitti qabame hoo maal fakkaata? Sababaa dowilaan ummata isilaama baballateef
jachaa biyya adda addaa keessatti qaratiin waldhabisisani qara’uu waan
jalqabaniif jachaa akkaniif waldhabbiin
tun haftuuf jachaa kitaabatokkoprra akkaniif
namni hundi barreeyifatee barsiisuufi jacha sahaba rassuulaatirraa warren
caccalloo haafizzan amanamo kantahan
1.zed ibnu sabit 2.Abdullah ibnu zubeyri 3.sa’ad ibnu aasi 4.abdurahaman ibnu hisham
Isaan hundinuu zeydi malee qureeyishiidharrahi
ammallee muhaa jirtoota.inni ammoo
ansaaraakkaniif baarreessan ajaje ammalle kitaaba abibakirii sanilleee akkaniif
irra kataban godhe hafisa bint umar biraa fuudhaniiyaroon isaan akkanatti
isaan kitaban kun hijiraa 23
ture. Garaagarummaan walitti qabiinsa quraanaa kan
abubakriitiif kan usmaan maal fakkaatti? Abubakriwanni walitti qabeef sababaa haafizzan du,uutiin quraanni
nidhabamaa waan sodaateef yerootahu. Usmaan ammoo sababaa walkilaafa qurraa’oota
jiddudhatti jiru waan dhabamisiisuu barbaadeef jachaadha. Haala kanaan quraanni walitti qabame nuskhaa
jaha(6)tti barreesse kaaye.sanirraa hanga ammatti barreeyifama jira. jalqaba
|