|

|
بسم الله
الرحمن الرحيم
Addunyaa tana keessa waan hundaafuu faallaatu
jiraaf akka
dhiiraaf
– dhalaan jirtutti , dheeraaf - gabaabaan, duruummaaf – hiyyuummaa, .gammachuuf
– gadduun, Rakkoofiis – Bal'inaa jiraaf.Tanaafuu kun waan seerri
addunyaa ittibulaa
jirtu tahuu
isiin waa dhukattuu miti. nuttiis
waan addunyaa tana keessa jirruuf seera
kana fudhannee isii tanaaf qophaawuutu nurra jira malee akkamitti seerri
faallummaa kun kan naaf hin taane kun maaliif naqunname jannee addunyaa tanarraa
abdii murachuu hin qabnu. Waan
faallaa tana keessaa akkuma dubbanne Rakkoof
faallaan isii Ballina .Rakkoo yoo janne tan akka diinaggee irratti namatti
dhuftu, rakkoo fayyaa irratti namatti dhuftu, yaadaa fii k.k.f
Rakkoo
namatti dhufteef abdii murachuu dhabuudhaan
obsuun waan akkaan ilma namaatti
jabaatu. tanaaf namni garii Rakkoo isarra geesse baadhachuu dadhabee kan silaa
rakkoo sanirratti obsee lubbuu isaa, fira isaatii fii nama hunda fayyaduu osoo
dandayuu bakka barbaadu osoo hingeenye kharaa jiddutti hafa. duuba addunyaa nuun
marsite tan ijaan garrruu fii tan ijaan hin garre hunda, waan dachii fii samii
keessa jiru hunda
kan isii
tana uumee
tottoohatuu jira san akka Rabbii guddaa tahe kan waan hundarraa qulqullaawe
tahe namni falmu hinjiru .
Eegakan
addunyaa tana uume, Rabbii guddaa tahe, heerri isii keessa adeemsifamu hundi kan
Rabbiin kaayee qopheeyse. duuba namni Rabbitti amanu akkamitti heera faallumaa
kanarratti obsee gamachuudhaan qeebaluudhaba ?
1.
Rabbiin Qur’aana keessatti akka warri waan hamtuurratti obse aakhiraatti
badhaasaan isaan gamachiisu dubbate. tana arkachuuf Namni Rabbitti amane waan
hunda irrratti obsuu qaba.
2.Gargaarsi
Rabbii warra waan hamtuu isarratti geesserratti obse wajjiin jira . tanaaf gargaarsa kana arkachuuf namni Rabbitti amane waan hundaratti
obsee gammachuun qeebaluu qaba. fuuldura Rabbiin oltahe balloo guddoo naaf fida
akkasuma jannata naaf kanna je'ee obsuu qaba. |
|