| Hadii Hadiisa
jachuun waan gara Erigamaa Rabbii (N.R.I.H) irratti
irikifamu jacha isaa ,dalagaa issaa, waan inni osoo dalagamtuu argee irraa callise,akkasumattillee sifaa
isaati. Hadiisini rassuulaakun kharraa meeqaan nugehe?
Kharaa lamaan nugehe 1Mutawaatira
(karaa nama hedduutiin) 2.Ahad (kharaa
nama waaxiqqootiin) barreeyfamuu jalqabe?Hadiisini
yoomi barreeyfamuu jalqabe? Zamana ergamaa rabbii keessatti hadiisni walitti qabamee hin turre
Erigamaan Rabbii qur’aana qofa narraa barreessaa malee waan biraa narraa hin
barreessinaa je’ee ture.
Ammoo akkasumaa wajjiinillee
warren tokko tokko akkaaniif barreeyifatan ajajeeti jira.fakkeenyaaf
warreen akka abuu shaahfii warra biraa nama tokko tokko akkaaniif barreeyifatan
hayyameefiiti jira.
Warreen dhoorke sanilleen wanni dhoorikeef qur'aanni
wanni inni bu’een waan afaan arabaatiin taheef jachaa hadiisini niis wanni
inni barreeyifamuun waan afaan arabaatiin taheef jachaa akkaniif qur'aanaa fii
hadiisini waliitti hin laaqamineef jachaa.
Sanbooda Erigamaan Rabbi nagayaa fii rahamanni isarratti haajiraatuu
eegaaniifi addunyaarra deeman booda.wanni sodaatamu san waan hin jirreef
jacha qur'aana kaliifaaleen rassuulaa waan walitti qabaniif jachaa egaaniif
qur'aanni san walitti qabaniif
jachaa hadiisa rassuulaatiis
walitti qabuun gaarii tahee arkame maaliiif
jannaan akka hadiisni erigama rabbii akkaniif hin dhabamineef jacha
Haala kanaan khaliifaa shanaffaa ja’amuudhaan kan beekkamu Umar ibu
abdul aziiz gara ulamaa'ii yaroo san jiritututti
nama eriguudhaan wannii inni
ja’een sababaa warrii hadiisaa dhumuutiin akaa hadiisini Erigamaa Rabbii
lafarraa dhabamuudhaan sodaadha saniifuu osoo hadiisini Rassuulaa lafrraa hin
dhabamne akka hadiisa rRssulaa walitti qabdaniin baribaada ja’eenii isaan
ajajee ture.
Ajaja kana qabachuudhaan faraqaa duraa tiif warren hadiisa
Rassuulaa barreessuu jaliqaban ulama zamana san jiriturraa
- Al-Qaadii
abuu Bakri ibnu Muhammad ibnu
Amir ibnu Hazimi kanja,amu kan bara (hijiraa)120tti du’e ajaja kaliifaa
shanaffaa kanatiin barressu jalqabe.
- zamanuma
san keessa ammalee ulamaa'ii
jiriturraa warri ajaja khaliifaa khanaatiin hadiisa Erigamaa Rabbii
walitti qabuu jalqabe kan biraa
Al-imaam Muhammad ibnu Muslim ibnu Shaab azzuhurii
kan ja’amuudhaan beekkamu hijiraa (124)tti
kan du’e.yaroo tahu haaluma kanaan
barreeyifamuun hadiisa Erigamaa Rabbii itti fufe .hadiisa Rassuulaatii fii oduulee
sahaabaatiis waliin barreessati turan.
Qarnii (jaarraa) sadaffaa keessatii haala kamiin hadiisa
Ergamaa Rabbii barreessu jalqaban?
Qarnii (jaarraa )sadaffa keessatti hadiisa ergamaa rabbi haala addaatiin
barreessu jalqabanii turan.
Haalli isaan itti barreessuu jaliqabaniis hadiisa Rassuulaa
quliqulluu kan tahe qofa kophaadhatti wailtti qabanii barreessuudhani.Haalli isaan itti barreessan saniis karaa adda addatiiniCinaansaanii musnadagodhuudhaan,
Musnada jachuun:- hadiisa sahaabaan tokko odeesse hundaa
isaa bakka takkatti walitti qabanii odeessuu
Fakkeenyaaf kan abuubakri
odeesse, bakka biraatti akaasuma kan abuuhureeyiraan odeesse bakka biraatti
,kan
ibnu abbaas odeesse bakka takkatii kaan sahabaa hundaa haala kanaan adda addatti
walitt qabuu saniitu musnada ja’ama.
Warri kaan ammaallee karaa baabaatiin walitt qabanWarren
akka bukhaariidhaa, musliim, abudawuud, tirmizii, nasa’ii, ibnumaajahii
fii k.k.f akkasuma ammaallee isaanuma kanarraa warra sahiiha qofa
walitti qabeetu jira warreen akka bukhariitii fii,muslim. Haala khanaan warri qarnii sadaffaa hadiisa Rassuulaa hunda
walitti qabanii turan. Warrii qarnii (jaarraa) afraffaatoo
haalakamiin walitti qabaa turan? Waanuma warra qarinii afraaffaati hadiisa
tokko tokko kan hafe itti
dabaluudhaan fii kitaaboota isaanii san walitti deebisuu jaliqabanii ture. Zamanuma kana keessatti kitaabni al-ma’aajam
ja’amuudhaan beekkamu barreeyfamee ture sadeenuu kan imaam suleeymaan ibnu
ahamad xabaraanii ja'amuudhaan kan beekkamu.ammaallee kitaabni san biyya san
keessattii kitaabaa haalaan bekkamu ture.yaroon inni itti du’e hijiraa
irraa bara360. sanii 1.Mujma'ul kubra (kan guddaa) 2.mujma'ul wisax(kan jidduu) 3.mujma'ul sughraa (xiqqa)
akkasumattillee kitaaboota biraa kan barreyfamannii
jiran
warren akka daaraquxinii ,ibnu hibban, ibnu khuzeeyimaa, musnada
khuwaarzaami, mustadrakahaakim.
Eega hadiisa Rassuulaa barreessanii fixan booda
hadiisa Erigamaa Rabbii kana waan takka takka tan Rassuulli hin ja’in waan
itti ida’aniif jachaa akkaniif hadiisuma Erigamaa Rabbii san qofa tiyisaniif
jachaa kaayyoo adda tan hadiisaan itti tyisan lafa khaayyatanii turan.kaayyoon
isaan lafakheeyyatan saniis wanni isiin ja’amuudhaan beekkamitu uluumul
musxalah ul hadiis ja’amuudhaan
beekkamitti.kaayoo tanarrattillee hadiisini Erigama Rabbii tokko fudhatama
arkachuudhaaf jachuun kijibaan akka walitti hin laaqamne eeguudhaaf sharxii
shan guutuu qaba ja'anii ti jiran sharixiin shanan hadiisini tokko yoniif guute
hadiisnii sahiiha itti tahuun san,
1.Ittisaalul assanad 2.adaalaturruwaat 3.dabxun taam 4.adamushuzuuz 5.adamul’illaa ja’aniiti lafa khaayaniijiran.
|