Oromo Muslim


 


 

 Ibaadaa

 

 Ibaadaa Jachuun

 Salaata

 Soomana

Zakaa

 Hajjii

Xahaara

 

 Shamarran

 

 Dubartiin Islaamummaa dura

 Dubartiin Islaamummaa Booda

 Hijaaba

 

 

  

Bid'aa

Obsa

 Gorsa

Shirkii

 

 

 

 

 

 

 

                                      

Hadii Hadiisa jachuun waan gara Erigamaa Rabbii (N.R.I.H) irratti irikifamu jacha isaa ,dalagaa issaa, waan inni osoo dalagamtuu argee irraa callise,akkasumattillee sifaa isaati.
   
Hadiisini rassuulaakun kharraa meeqaan nugehe?
   Kharaa lamaan nugehe
1Mutawaatira (karaa nama hedduutiin)
2.Ahad (kharaa nama waaxiqqootiin)
 
barreeyfamuu jalqabe?Hadiisini yoomi barreeyfamuu jalqabe?
 Zamana ergamaa rabbii keessatti hadiisni walitti qabamee hin turre Erigamaan Rabbii qur’aana qofa narraa       barreessaa malee waan biraa narraa hin barreessinaa je’ee ture.

      Ammoo akkasumaa wajjiinillee  warren tokko tokko akkaaniif barreeyifatan ajajeeti jira.fakkeenyaaf warreen akka abuu shaahfii warra biraa nama tokko tokko akkaaniif barreeyifatan hayyameefiiti jira.

Warreen dhoorke sanilleen wanni dhoorikeef qur'aanni wanni inni bu’een waan afaan arabaatiin taheef jachaa hadiisini niis wanni inni barreeyifamuun waan afaan arabaatiin taheef jachaa akkaniif qur'aanaa fii hadiisini waliitti hin laaqamineef jachaa.

           Sanbooda Erigamaan Rabbi nagayaa fii rahamanni isarratti haajiraatuu eegaaniifi addunyaarra deeman booda.wanni sodaatamu san waan hin jirreef jacha qur'aana kaliifaaleen rassuulaa waan walitti qabaniif jachaa egaaniif qur'aanni san walitti  qabaniif jachaa  hadiisa rassuulaatiis walitti qabuun gaarii tahee arkame  maaliiif jannaan akka hadiisni erigama rabbii akkaniif hin dhabamineef jacha

                   Haala kanaan khaliifaa shanaffaa ja’amuudhaan kan beekkamu Umar ibu abdul aziiz gara ulamaa'ii yaroo san jiritututti   nama eriguudhaan  wannii inni ja’een sababaa warrii hadiisaa dhumuutiin akaa hadiisini Erigamaa Rabbii lafarraa dhabamuudhaan sodaadha saniifuu osoo hadiisini Rassuulaa lafrraa hin dhabamne akka hadiisa rRssulaa walitti qabdaniin baribaada ja’eenii isaan ajajee ture.

       Ajaja kana qabachuudhaan faraqaa duraa tiif warren hadiisa Rassuulaa barreessuu jaliqaban ulama zamana san jiriturraa

  1. Al-Qaadii abuu Bakri ibnu Muhammad  ibnu Amir ibnu Hazimi kanja,amu kan bara (hijiraa)120tti du’e ajaja kaliifaa shanaffaa kanatiin barressu jalqabe.
  2. zamanuma san keessa  ammalee ulamaa'ii jiriturraa warri ajaja khaliifaa khanaatiin hadiisa Erigamaa Rabbii walitti qabuu jalqabe  kan biraa Al-imaam Muhammad ibnu Muslim ibnu Shaab azzuhurii  kan ja’amuudhaan beekkamu hijiraa (124)tti kan du’e.yaroo tahu haaluma kanaan barreeyifamuun hadiisa Erigamaa Rabbii itti fufe .hadiisa Rassuulaatii fii oduulee sahaabaatiis waliin barreessati turan.

Qarnii (jaarraa) sadaffaa keessatii haala kamiin hadiisa Ergamaa Rabbii barreessu jalqaban?

 Qarnii (jaarraa )sadaffa keessatti hadiisa ergamaa rabbi haala addaatiin barreessu jalqabanii turan.

Haalli isaan itti barreessuu jaliqabaniis hadiisa Rassuulaa quliqulluu kan tahe qofa kophaadhatti wailtti qabanii barreessuudhani.Haalli isaan itti barreessan saniis karaa adda addatiiniCinaansaanii musnadagodhuudhaan,

Musnada jachuun:- hadiisa sahaabaan tokko odeesse hundaa isaa bakka takkatti walitti qabanii  odeessuu
        Fakkeenyaaf  kan
 abuubakri odeesse, bakka biraatti akaasuma kan abuuhureeyiraan odeesse bakka biraatti ,kan ibnu abbaas odeesse bakka takkatii kaan sahabaa hundaa haala kanaan adda addatti walitt qabuu saniitu musnada ja’ama.

Warri kaan ammaallee karaa baabaatiin walitt qabanWarren akka
bukhaariidhaa,   musliim, abudawuud, tirmizii, nasa’ii, ibnumaajahii fii k.k.f  akkasuma ammaallee isaanuma kanarraa warra sahiiha qofa walitti qabeetu jira warreen akka bukhariitii fii,muslim.
Haala khanaan warri qarnii sadaffaa hadiisa Rassuulaa hunda walitti qabanii turan. Warrii qarnii (jaarraa) afraffaatoo haalakamiin walitti qabaa turan?
Waanuma warra qarinii afraaffaati hadiisa tokko tokko kan hafe itti dabaluudhaan fii kitaaboota isaanii san walitti deebisuu jaliqabanii ture.
Zamanuma kana keessatti kitaabni al-ma’aajam ja’amuudhaan beekkamu barreeyfamee ture sadeenuu kan imaam suleeymaan ibnu ahamad xabaraanii ja'amuudhaan kan beekkamu.ammaallee kitaabni san biyya san keessattii kitaabaa haalaan bekkamu ture.yaroon inni itti du’e hijiraa irraa bara360.
sanii
1.Mujma'ul kubra (kan guddaa)
2.mujma'ul wisax(kan jidduu)
3.mujma'ul sughraa (xiqqa)

akkasumattillee kitaaboota biraa kan barreyfamannii jiran warren akka daaraquxinii ,ibnu hibban, ibnu khuzeeyimaa, musnada khuwaarzaami, mustadrakahaakim.

Eega hadiisa Rassuulaa barreessanii fixan booda hadiisa Erigamaa Rabbii kana waan takka takka tan Rassuulli hin ja’in waan itti ida’aniif jachaa akkaniif hadiisuma Erigamaa Rabbii san qofa tiyisaniif jachaa kaayyoo adda tan hadiisaan itti tyisan lafa khaayyatanii turan.kaayyoon isaan lafakheeyyatan saniis wanni isiin ja’amuudhaan beekkamitu uluumul musxalah ul hadiis  ja’amuudhaan beekkamitti.kaayoo tanarrattillee hadiisini Erigama Rabbii tokko fudhatama arkachuudhaaf jachuun kijibaan akka walitti hin laaqamne eeguudhaaf sharxii shan guutuu qaba ja'anii ti jiran sharixiin shanan hadiisini tokko yoniif guute hadiisnii sahiiha itti tahuun san,

1.Ittisaalul assanad
2.adaalaturruwaat
3.dabxun taam
4.adamushuzuuz
5.adamul’illaa
ja’aniiti lafa khaayaniijiran.

 

 

Oduu dajjaal quba qabduu

 

Oduu nama ka'abaa jaaree

 

?..Nidilooytee

 

Yaa kan Salaata jama'aa iraa booda aanu

 

Yoomin Akka namaa Tahaa

 

Walaloo fii Jachoota

 

 

 

Akkaataa Ergamaan Rabbii Samii itti bahe

 

Sadarkaa Ji'a Sha'abaanaa

 

Akkamitti Soomana Soomana

 

Sadarkaa Soomanni qabu

 

Arraba ofii tiiffachuu

 

Simannaa Ramadaanaa

 

Maaliif if daganna.?

 

Gatiin Yaroon nama Islaamaa Qabdu

 

Dhukkuba qalbiitii fii dawaa isii

 

 

 

Barnoota Hajjii
Lakkoofsa 2
ffaa

 

Barnoota Hajjii Lakkoofsa 3ffaa

 

Sadarkaa Kurnan Zulhijaa qabu

 

Gochaa fii jacha nama islaamaatiif
barbaachisaa
Kutaa 1 faa

 

Gochaa fii jacha nama islaamaatiif barbaachisaa kutaa 3faa

 

Gochaa fii jacha nama islaamaatiif barbaachisaa kutaa 5faa 

 

Gochaa fii jacha nama islaamaatiif barbaachisaa kutaa 7faa 

 

Gochaa fii jacha nama islaamaatiif hin barbaachifne Kutaa 2 faa

 

Gochaa fii jacha nama islaamaatiif hin barbaachifne kuta 4faa

 



 
partypoker

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)