Gorsa

 

 

Gorsa

بسم الله الرحمن الرحيم   

Yaaduun qoftiin humaa bu'aa hinqabdu. kaayoo tee argachuuf tattaa fachuu qabda.

Mormuudhaan guddinni hin argamu fakkiidhaan yoo taate male.

Hiriyaa jachuun kan dogongora kee argee sijaalatu osoo hintahin kan dogongora irraa siqabee sigorfatu.

Abalu akkana ja'ee (ja'aa) dhiisi!. keetumaan yaada kee bikkaan gayuu dhaaf ijibbaadhuu.

Yoo ati akka dansaa (gaarii) hojjachuuf yaadde. nama hedduutu sigargaaruuf yaada.

Yoo boolla keessatti if argite, qotiinsa dhaabi.

Nuhundi waantakka waliin qabna sa'aa 24:00, garu akkaataa itti hojjannuutu adda nugodha malee.

Jiruu dabarte keessa hinjiraatin, waan fuldura kee yaaduun hinjiraatiniin.

Waahunda bikka isaa kaayi. isaaniis bikka kee sikaayani.

Namni takkaa hindogongorin, nama takkaa hindalagini.

Namni faxinni "hashiishni" badaa tahuu isaa kan beeku, dhandhamee osoo hintahin akka nama gootu argee kan irraa deebi'u.

Namni faxinni dogongora nama biraatirraa kan barnoota fudhatu.

Amalli gaariin akka nama biraatiif yaaddooytee sitti dhaggeeyfamu sigodha.

Ilmi namaa isaanitti dubbachuu irra isaan dhaggeefachuutu hedduu isaan gammachiisa

Eeyruun hamma feete masnoo taatu hinmagarsitu hamma akhaaftuu, ammalee sammuun ilma namaatiis hangam feete barnoota qabaattuus humaa hin fiddu hanga itti hojjattuu ykn itti yaadduu

Aalima(beekhaa) jachuun kan waan beeketti dalagu jachuu dha.

Waan akka fadhii tiyyaa  irraa ifqabuu nadadhabsiise hinjiru.

yoo usuun kee nama keessaa sigammachiise dubbadhu, yoo dubbachuun kee nama keessaa sigammachiise hindubbatinii us

 

 

 

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)