|
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته 1-namni
tokko yoo haajaa jabduu
qabaatee imaamni khuxbaa
itti dheereeyse khuxbaa
fi jummaa dhiisee zuhrii
salaatee deemuu nidandayaa? baarakallaahu
fiikum obboleeyyan amrii
duniyaatiif ja'anii waajiba
Rabbii dhiisuun hin tahu
Rabbiin akkana ja'a qur'aana
keessatti " يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِذَا نُودِي لِلصَّلَاةِ مِن يَوْمِ
الْجُمُعَةِ فَاسْعَوْا إِلَى ذِكْرِ اللَّهِ وَذَرُوا الْبَيْعَ ذَلِكُمْ خَيْرٌ
لَّكُمْ إِن كُنتُمْ تَعْلَمُونَ فَإِذَا قُضِيَتِ الصَّلَاةُ فَانتَشِرُوا فِي الْأَرْضِ وَابْتَغُوا مِن
فَضْلِ اللَّهِ وَاذْكُرُوا اللَّهَ كَثِيرًا لَّعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ وَإِذَا رَأَوْا تِجَارَةً أَوْ لَهْوًا انفَضُّوا إِلَيْهَا وَتَرَكُوكَ
قَائِمًا قُلْ مَا عِندَ اللَّهِ خَيْرٌ مِّنَ اللَّهْوِ وَمِنَ التِّجَارَةِ
وَاللَّهُ خَيْرُ الرَّازِقِينَ " Yaa
warra Rabbi dhugoomsitan
yeroo guyyaa jummataa salaata
jummaatiif waamichi isinigodhame
bitii gurgurtaa lakkisaa
gara ibaadaa Rabbii deemaa
santu isiniif irra caala
yoo kan beeytan taatan yeroo
salaatni raawwate lafa keeysa
yaa'aa rizqii Rabbii barbaadadha
hedduu Rabbi zakkaraa akka
milkooytaniif (yaa muhammadow) yeroo daldaltoota ykn weeddistoota arkan
gara saanii dhangala'an
sihii dhaabbatu silakkisanii,
ja'iin waan Rabbi bira jiruutu
irra isiniif caala weedduu
fi daldalarra, Rabbiin irra
caalaa isa waa namaa kannuuti." aayaan
kun deebisaa kee nitahaan
yaade wallaahu ta'aalaa
a'alamu. Sh Alii Mohammed
(Jimmaa)
|