Bid'aa

 

 

 

بسم الله الرحمن الرحيم   

Bid'aa jachuu fii Qooda isii
Murtii Nama Bid'aa Dalagee
Ummata islaama keessa seenu fii sababaa itti seente
Bid'aan Akka itti Mo'atan

Bid'aa jachuu fii qooda isii fii ahkaama isii

     Bida jachuun Afaan arabaatti Eegalu waan  fakkiin isaa ammadura hin dalagamin (hin arkamin )akka Rabbiin qur’ana  kessatti  ja’e “Egala dachi fi samii” suura baqara Ayata  117 Ayatabiratti “ja’I (yaa Muhammad) ani  Ergama dura wahin taane”  suura Ahqaf Ayatu  9 anadura Ergama heddu dabare jechu isaati  :- abalu Bid’aa dalage hogga ja’an Egale kara nam takka isa  dura hin daleyne jechuudha .  Bid’aan akka lamatti addaan baha   1. Bid’a meeshaa  akka teknolojiifa kuni ni dandahama .

      Bida amantii keessatti kuni haraami  maaliif yoo janne  amantiin islaama guutame jira namtakka waan haraya fidu hinda                 

      ndayu akka    Ergamaan rabbi ja’etti “namni amanti teenya keessatti waan haaraya fide abbaa  fidetti deebitii   riwaaya biraatti  “namni dalaga takka dalage ajaja kenya male abba dalagetti deebitii” je’e Ergamaan Rabbi. Õáì Çáááå Úáíå æÓáã           

  1.  
  2. Qooda  Bid’a:-  Bid’aan amanti kessatti bifa lama :  bifadura :-  Bid’a afaani (jacha) fii qalbi akka jechoota firqa   jahamiyy  mu’utazila, Raafidaa, fi hafte firqaajallatte hunda ,  

 :bifa lammaffa :- Bid’a Ibaada  kessatti akka        Rabbigabbarufa kara Ergamaan isaa kara hin godhiniin bifni kun qooda adda qaba

       Qoodaduraa:-   Bid’a hunde Ibaada kessattitahu akka ibaada hundeen isii amantii kessatti takkaa hin hojjatamin   dalaguu akka salaata shri’a  islaamumma kessa hinjirre salaatu fi soommana is laamumma kessahin jirresoommanu fi Iida   Islamummaa ala harayafidu akka moylidaa faa

      Qooda lammaffa:-  Ibaada kessatti Ida’u akka raka’a takka Ida’u salaata zuhri fi asrii kessatti .

       Qooda sadaffa :-  bifa ibaada kessatti waan haraya fidu akka zikrii salaatabooda sagalee olfuudhani jechuu  akka Ibaada  fitti jabeessani  sunna Ergamaajala bahufaa.

       Qooda Afraffaa:-  yeroo Ibaada ta amantii islaama keessatti beekkamtee  hin   murteeffamin  marteeffachu akka walakka baati sha’abaana guyya sommanani halkan dhaabbachuu  halkan dhaabbatani guyya sommanuun ni dan dayamaa ammoo  akkana koba baasuun ibaadaa takka ragaa barbaachisa .

Murtii NAma Bid'aa Dalagee

3.  Murti nama bid’a dalage amanti islaamaa  keessatti bida’an hundi amantii Islaama keessatti haraamii  fi  jallina akka  Ergamarabbii (Õáì Çáááå Úáíå æÓáã) ja’etti “Ifirra eega warribid’aa  dalaydan   wanni  haarayni  hundi  bid’aadha  bid’aan hundi jallina  jallinni hundi Ibidda keessa seena” Ergamaan Rabbi  hadiisa biratti “ Namni waan haraya  fide  amanti Islaama tana kessatti abbicha fidetti  deebiti” ammalle” Namni dalagaa takka dalage  ajaja keenyaan  maletti abbicha dalage irratti deebiti” duuba  hadiisalameen kana keessatti akka wanni harayni hundi bid’aa taate dubbate.  Bid’aan hundi  jallina abbaa dalage irratti deebiti.  

     Bid’aan  ibaada kessatti haraaami ammo haramummaan isaa addaa  haala bid’atiin . bid’aarraa abbicha dalage ta kafarsiiftuu jira  akka qabri ziyaaruu faa abbicha qabrii san irraa barakaa barbaaduu horii isaaaf gorra’u qodha godhuu isa yaammachuu, gargaarsa irraa  barbaadu akka jecha firqaa jahamiyyaa  fi mu’utazilaa .

    Bid’aarraa takaraa shirkiitti nama geessituujira akka qabriirratti jaaru,  fuula gara qabrii garagalanii  salaatuu fi du’aai isabiratti godhachuu. 

    Bid’aarra ka ajaja Rabbii jala nama baasuu jira akka firqaa   khawarijaa , qadariyyaa,   fi murjia  jecha isaanii ka ragaa qur’ana  faallessu.

     Bid’arra  kanama dili naqu jira akka  Ifsangoomsuu,  aduu keessa  dhaabbatanii  soommanuuu.  Ammoo namni bid’aa bakka lamatti baasee Bid’aa gaari fi Bid’a baddu  ja’e dogongaree jira jacha Ergamaa  Rabbi ja’ee wajji  walfaalessaa Ergamaan Rabbi (Õáì Çáááå Úáíå æÓáã )akka Bid’aan hundi jallina taate dubbatee jira “Bid’aan hundi  jallina” ja’ee.         ammo namni  kun faalla isaa deeme lakkii bid’aan hundi  jallinaa mitii  Bid’aa gaari jira je’ee.imaam ibnu rajab akkana ja’e namni waan haaraya fide  gara amanti Islaamaatti irkise  ka hundeen waan sani amantii  kessatti  takka hin dalagamin  abbicha  dalage irratti deebiti  amantiin Islaama  isarra  qulqullooytuudha  jacha afaani tahu dalaga mul’attu fi tadhokattu tahuu ja’e .     

   Namni Bid’aa gaari  jira  ja’u ragaa takkallee  hinqabu  Qur’aana fi Hadiisarra  jacha Umar ibnu khaxxaab je’e  male “Bid’aan tuni waatoltii” salaata taraawi bakka takkatti salaatu kessatti .  ammalle  kitaaba Qur’aana bakka takkatti walitti qabani barressuun fi  hadiisa barreessuun  Bid’aa  hin ja’amuu  waan amma dura dalagamee jiruuf jacha .

  Ergamaan Rbbii (Õáì Çáááå Úáíå æÓáã) Salaata  taraawi bakka takkatti (jama’aan) salaate jira halakan sadihiif  boodarra akka waajiba irratti hin taaneef  dhiise.  Salaata kana jama’aan saltaauun bid’ahin  ja’amu armaan duratti  dalagame  waan jiruuf  jecha ammoo kitaaba qur’aana bakka takkatti  walitti deebisuun  aasliin isa Ergamaan Rabbii (Õáì Çáááå Úáíå æÓáã  ) akka qur’aanni  katabamu ajaje  turee ammoo katabame  addaan faca’e jira sahabaan walittti qabani bakka tak katti deebisani kitaaba takka godhan isa tiisuudhaaf Hadiisa  katabuunlleen bid’a hinja’amu yero Ergama Rabbii(Õáì Çáááå Úáíå æÓáã ) katabame  ture Ergamaan hogga sahabaan garii akka kataba muuf irra barbaadan katabaaf ja’e ajaje ture ammo wanni inni dhoor keef akka hin katabamne sodaa Walitti  laaqamaa  qur’aan wajji waan sodateef Eega inni du’e booda sodaan tun deemte  qur’aanni guutame jira sahabaan  akka hadiisni   jala hin banneef  katabatani jiran Rabbiin  galata isaani  hakkannuuf
                                                                                                kha itti anu

 

 

 

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)