Maxxansa Torbaanii

 

 

Maxxansa Torbaani Lakkofsa Tokkoffaa

بسم الله الرحمن الرحيم   

    Akkaataa ergamaan Rabbii samii ittin bahe (Mi’iraaja)

Ergamaan Rabbii (N.R.I.H)nije’e: Anaa moggaa Ka’abaa mana ummi Hanii keessa rafutti jiru, (Rassuula, Hamzaa fii Abbaasiitu waliin rafutti jira rassuulli Rabbii jidduu rafutti jira)

Halkan boru mi’iraaja  bahuuf deeman. Haaluma saniin osoo jirruu maleeykaan sadi dhuftee walbira teeysee walgaafachutti seenan. Maleeykaan duraa nije’e: jara sadeen kanarraa kan barbaadamu kami? Maleeykaan jidduu nije’een: kan jidduu kanaatu irra caalaa isaaniiti. Maleeykaan sadaffaa nije’e: akkastaatu kan irra caalaa kun haa fuudhamuu je’e. eegas akkasitti ka’anii deeman.

       Halkan itti aanu Jibriil itti dhufee  jara lamaan jidduu isa fuudhe, isaa ijaan rafu kan qalbiin isaa hinrafne.  Bishaan zam zam bira isa fidee qoma isaa baqeeysee onnee isaa keessaa fuudhe, onnees baqeeysee dhiiga gurraacha tokko keeysaa baase, Jibriil nije’een: bar sheeyxaanni tanaan (dhiiga gurraacha kanaan) namatti hasaasee nama jallisuu dan daya, eegasii bishaan zam zamiin dhiqe. Eegasii fijjaana ziqeyaa tokko fide kan iimaanaa fii ilmiinguutame san onnee tiyya keeysatti naqe. Eegasii onnee tiyya walittio cufee onnee qoma keeysatti nadeebisee walitti nacufe.

      Eegas waan yaabbatan tan Buraaq ja’amtu adii takka naaf fide, tan gaangee irra xiqqoo tan harree irra guddoo, ejjanni isii hanga ijji namaa agartu takka ajjatti. Isii san nakorsiisanii naan deeman. Yeroo Makkarraa gara beeytal Maqdis deeman Rassuulaatu duraan yaabbatee jibriil duubaan yaabatee deeman. Eega beeytal maqdis dhaqan dhagaa duraan Anbiyaan yaabbii isaanii itti hidhatanitti buraaq isaanii hidhatanii tahiyyaa masgidaa salaatan. Eegasii waan achitti dhugu laga jannataa afranirraa fidaniif, deeyma, aanan, farshoo fii bishaan.

      Eegasii gara samii naan olkoran, yeroo oldeeman jibriiliitu duraan yaabbatee Ergamaan Rabbii duubaan yaabbatee deeman, hanga samii duniyaa gayanitti.

      Jibriil eeyduu (malaaykaa) hulaa samii duniyaatiin dhadhawee bani je’een:

        Malaaykaa: eenyu je’een. Jibriil: Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?, Jibriil: Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii itti si’erganii? Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa gaariidhaa (dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu nama tokkoon arke kan mirga isaatii fii bitaa  isaatiin namni hedduun taa’u, yaroo gara mirgaa mil’atu (laalu) nikofla yeroo gara bitaa mil’atu (laalu) nibooya

     Kuni eenyu? je’eetiin gaafadhe, abbaa kee Aadami, irratti salaammadhu naan je’e. isarrattiin salaammadhe salaamtaa naaf deebisee baga dhufte yaa ilma gaarii yaa nabiyyii gaarii naan je’ee nadhiheeyse. warri mirgaa san ruuhii ilmaan Aadam tan ammaan dura hin dhalatin tan warra jannataati yaroo gara isaanii mil’ate gammachuu irraa kofla. Warri bitaa isaatiin taa’u ruuhii ilmaan isaa tan ammaan dura hin dhalatin tan warra azaabaati tan wilii kufrummarratti duutee ibidda seentu yeroo gara isaanii mil’ate isaaniif rifachuu irraa booya.

Eegasii naan deeman hanga samii lammaffaa naan gehanitti     

Jibriil eeyduu (malaaykaa) hulaa samii lammaffaatiin dhadhawee bani je’een:

Malaaykaa: eenyu je’een. Jibriil: Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?,  Jibriil: Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii itti si’erganii?, Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa gaariidhaa (dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu Iissaa fii Yahyaan arke ilmaan haboo kan tahan, isaan Iisaa fii yahyaadhaa irratti salaamadhu naan ja’an, irrattiin salaammadhe salaamtaa naaf deebise baga dhufte yaa obboleeysa gaarii yaa nabiyyii gaarii ja’anii na dhiheeysan

Eegasii naan deeman hanga samii sadaffaa naan gehanitti    

Jibriil eeyduu (malaaykaa) hulaa samii sadaffaatiin dhadhawee bani je’een:

Malaaykaa: eenyu je’een. Jibriil: Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?,  Jibriil: Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii itti si’erganii?, Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa gaariidhaa (dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu yuusufiitu jira yuusuf bareedummina irraa cinaa kanname ani guutuun kanname, inni Yuusufii  irratti salaamadhu naan ja’an, irrattiin salaammadhe salaamtaa naaf deebisee baga dhufte yaa obboleeysa gaarii yaa nabiyyii gaarii je’ee na dhiheeyse

 Eegasii naan deeman hanga samii afaraffaa naan gehanitti    

Jibriil eeyduu (malaaykaa) hulaa samii afraffaatiin dhadhawee bani je’een:

Malaaykaa: eenyu je’een. Jibriil:Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?, Jibriil: Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii itti si’erganii?, Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa gaariidhaa (dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu Idriisiitu jira inni Idriisii  irratti salaamadhu naan ja’an, irrattiin salaammadhe salaamtaa naaf deebisee baga dhufte yaa obboleeysa gaarii yaa nabiyyii gaarii je’ee na dhiheeyse 

 Eegasii naan deeman hanga samii shanaffaa naan gehanitti    

Jibriil eeyduu (malaaykaa) hulaa samii shanaffaatiin dhadhawee bani je’een:

Malaaykaa: eenyu je’een. Jibriil:Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?, Jibriil: Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii itti si’erganii?, Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa gaariidhaa (dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu Haaruuniitu jira inni Haariiniiti irratti salaamadhu naan ja’an, irrattiin salaammadhe salaamtaa naaf deebisee baga dhufte yaa obboleeysa gaarii yaa nabiyyii gaarii je’ee na dhiheeyse 

  Eegasii naan deeman hanga samii jahaffaa naan gehanitti    

Jibriil eeyduu (malaaykaa) hulaa samii jahaffaatiin dhadhawee bani je’een:

Malaaykaa: eenyu je’een. Jibriil:Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?, Jibriil: Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii itti si’erganii?, Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa gaariidhaa (dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu Muusaatu jira inni Muusaadhaa  irratti salaamadhu naan ja’an  irrattiin salaammadhe salaamtaa naaf deebisee baga dhufte yaa obboleeysa gaarii yaa nabiyyii gaarii je’ee na dhiheeyse

Yeroon ani bira dabru Muusaan nibooye  maaliif boocha jannaan gurbaa naboodaan ergame ummata isaa hedduutuu jannata seena waan ummata kiyya irra hedduu. (isaaf quudhuu dhabuu osoo hin tahin osoo ummanni kiyyaas skkasitti naaf seenee jachuufi).

 Eegasii naan deeman hanga samii torbaffaa naan gehanitti    

Jibriil eeyduu (malaaykaa) hulaa samii torbaffaatiin dhadhawee bani je’een:

Malaaykaa: eenyu je’een. Jibriil:Ana Jibriili je’een, Malaaykaa: eenyuu siwaliin jira?, Jibriil: Muhammadii naa waliin jira, Malaaykaa: haa olbahuu ja’anii itti si’erganii?, Jibriil: ee je’een, Malaaykaa: baga dhufe dhufiinsi isaa waa gaariidhaa (dansaadhaa). Yeroo nurraa bananii olbaanu Ibraahiimiitu beeytal ma’amuuritti irkatee taa’u jira kuni eenyu jannaan inni abbaa kee Ibraahimii  irratti salaamadhu naan ja’an, irrattiin salaammadhe salaamtaa naaf deebisee baga dhufte yaa ilma gaarii yaa nabiyyii gaarii je’ee na dhiheeyse

 Eegas isa bira dabarree hanga dachii walqixaa takka geenyuu, muka sidratul muntahaa (qurquraa) tokkoon arke guddinarraa kan hundeen isaa samii jahaffaa jirtu kan mataan isaa samii torbaffaa jiru, qurquraa san kan wan akka billaachaa tan ziqayarraa taatee isa hagoogee jira kan firiin isaa akka okkotee biyya hajar fakkaata kan baalli isaa akka gurra arbaa tahe laga afuriitu ichi jalaan ol yaa’a, kuni maali je’eetiin gaafadhe lagni lama kan keessati gadi yaa’u laga jannata keessa yaa’u san seehuunii fii jeehuuni ja’ama lagni lamaan gubbaa laga adunyarratti gadi yaa’u san niilii(abbay) fii furaati. Eegasii hanga dachii walqixaa takka naan deeman hangaan bakka qlama Rabbiin kakateen san isaa katabu dhagayu gayutti, achirraa deemee hanga jannataa fii ibiddallee nagarsiisanitti manneen jannataa kan faaya ziqayarraa jaarame biyyeen isaa miskiidha, eegas Rabbiin anaa fii ummata kiyyarratti salaata shantama waajiba nurratti godhe. Yeroon achii gadi deebi’u muusattiin dhufe muusaan Rabbiin kee maal sii fii ummata keetiin je’e? je’ee nagaafate, salaata shantama halkanii fii guyyaa keessatti nurratti waajiba godheen je’een muusaan deemi deebi Rabbii keetiin narraa laaffisi je’ii itti deebi’ii kadhadhu ummanni banii israa’iil jajjabaan sanuu subii fii asrii dadhabanii, deebi’eetiin kadhadhe. salaata  shan narraa irrise” akkasuma ammallee hanga yeroo sagal itti daddeebi’ee salaata shanitti narraa deebisutti

Ammaas yeroon muusatti dhufu muusaan ammaas ummanni kee hin dandayanii Rabbii kee kadhadhu akka sirraa laaffisu. ittiin deebi’e Rabbiin naaje’e: isiin shaniitii sawaabni isii shantamii nabiratti jachi hin jijjiiramu deem waajiba kiyya sitti geeysee sirraahillee laaffisee.. Eegasii muusaan ammas yeroo kudha takkaffaa itti deebi’i naanje’e  ani Rabbii kiyya qaanfadhee ammaan tana niin qeebalaan je’een.

  akkasitti salaata shananiin gale.

 Asirratti wanni isin hubachiisuu barbaanne guyyaa mi’iraajaa ja’anii wanni kabajamu tokkolleen akka hin jirre, guyyaa mi’iraajaa kabajuun bida’aadha namni guyyaa kana kabaje itti dilaawa.

 Nuti wanni kana barreeysineef akkuma namni islaamaa baratuuf qofa ammo guyyaa kana akka iidaatti kabajuu irraa haa if eeynuu

 Galatoomaa  warra waan dhagaye itti dalgu nuhaa godhu.

 

 

 

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)