|
بسم الله
الرحمن الرحيم
Sadarkaa Ji'a
sha'abaanaa Rabbiin oltahe
uumaa wahundaa qiyaasa guyyaa jaha(6) keessatti wa hunda uume,uumaa Rabbii san
keessa wannii nuti dubbachuu feene uumaa amata, ji’a,torbaani,guyyaa,sa’aafi
daqiiqaa…….
Rabbiin oltahe
kana hunda uume. Eegasii uumaa isaa kana hunda walirra
caalchise,
Rabbiin oltahe amta uumeeti isa keessatti ji’a kudha lama (12) uume:
akuma Rabbiin oltahe qur’aana keessa je’etti [lakoofsi ji’aa Rabbi biratti ji’a
kudha lama kiitaaba Rabbii keessatti guyyaa dachii fii samii uume, sankeessaa
afur ji’a kabajaa qabu (tan keessa loluun dhoorkaa)] jiini afran san:- Muharram,
Zul-qi’idaa, Zul-hijjaa fii Rajaba. akasuma ji’oota keessaa tan akkan sadarkaan walirra caaltuutu jira akkasuma
torbaan keessaa guyyoowwan, sa’aalee fii daqiiqowwan, hunda isaanii sadarkaa Rabbiin walirra caalchisee jira. mee san keessaa haga tokko
haa laalluu:-ji’a afran armaa olitti dubbanne tan Rabbiin kabajaa isii guddisee
aka keessa hinlolle godhuudhaan isii kabaje, akkasumaa waliin tan amata keessaa
sadarkaa isii ji’oota kaanirra akkaan caalchiseetu jira. Isiin san ji’a
Ramadaanaati.
Jiini
Ramadaanaa ji’a barakhaa, ji’a qur’aanni keessa
buufame ji’a halkan kabjaa qabu (leeylatul qadri) keessa jiru akkuma Rabbiin
oltahe qur’aana keessa je’etti [jiini Ramadaanaa ji’a Rabbiin qur’ana keessa
buuse, qaceelchaa ilma namaa kan tahe] qur’aana (2-185) jiini ramadaanaa ji’a
araaramaa, ji’a Rabbiin gabroottan isaa ibiddarraa itti bilisoomsu, ji’a namni
kheeyrii akkaan keessa dalagatu.
Ji’a Ramadaanaa
ballinaan irraa dubbachuu hin barbaanne yoo Rabbiin fedhe fuulduratti irraa
dubanna ammaf yaanni keenya waa’ee ji’a armaan gadii tana, san ji’a
sha’abaanaati, tan amma keessa jirru tana. jiini sha’abaanaa darajaan isii ji’a
ramadaanaallee gehuu baattu garuu sadarkaan isii akaan guddoodha ji’a sha’abaanaa akkamitti Rabbiin ji’oota hafanirra isii caalchise,
maaliin isii caalchise mee waliin haalaalluu.
Jiini
sha’abaanaa ji’a Rabbiin sadarkaa isii olfuudhe. Sadarkaa isii irraa:- ji’a
hujiin gabroottanii tan amataa Rabbirra fidamtu. Akkuma Ergamaan Rabbii
(N.R.I.H) je’etti Usmaan binu Affaanirraa odeeyfamee (R,I.H) nije’e “
ji’oowwanirra sii hedduu soomanu sin agarre ji’a sha’abaanaarra (maaliifi?)”
Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) nije’e “isiin (Sa’abaani) tan ilmi namaa ji’a
rajabaatii fii Ramadaana jidutti irraa dagame isiin ji’a hujiin gabroottanii
isii keessa gara Rabbii olfuudhamtu anaa
soomana qabu hujiin tiyya akka gara Rabbii naaf olfuudhamtuun fedha.” Nasa’ii
(2317)
Gara biraatiin
sadarkaan jiini sha’abaanaa qabu Rabbiin oltahe ji’a sha’abaan kana keessa
gabroottan isaatiif ni’araarama haga tokko malee (Rabbiin warra araarama isa
irraa hongawe nun-godhin) akkuma Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) je’etti
Abii Muusaa
irraa odeeyfamee (R,I.H) Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) nije’e: “Rabbiin ol tahe
walqixa ji’a sha’abaanaa keessatti gara samii duniyaatti gadi bu’eeti gabroottan
isaatiif araarama, nama lama malee (nama lamaan wallole)” gabaasa biraa
keessatti “nama lamaan wal-lolee fii nama Rabbi cinaa waa gabbaru (mushrika)
malee”.
Eega sadarkaan
ji’a sha’abaanaa hagana guddatte tan hujiin ilma namaa tan amataa keessa
olfuudhamtu tan Rabbiin oltahe isii keessa gabroottan isaatiif araaramu, nuti
hoo ji’a kanarraa bu’aa akkamitti buufachuu qabna? karaa kamiin argachuu
dandeenya?
Karaan nuti bu’aa ji’a kana keessa jiru itti barbaannu karaa ergamaan Rabbii (N.R.I.H) ittiin hojjate tahuu
qaba
San keessaa
Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) ji’a kana keessa wanni inni hedduu hojjatu
soomana.
Ji’a kanarraa harka irra guddaa soomanuudhaan dabarsa. Akkuma
hadiisa keessatti nuuf gabaafametti Aa’ishaa irraa odeeyfamee (R.I.H) nijette:
Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) kan soomanu tahe haga nuti sa hin furuu jannutti
ammallee kan hin soomanne tahe haga sa hin soomanuu jannutti takkaa
Ergamaa Rabbii (N.R.I.H) hin argine kan ji’a guutuu soomanu ji’a ramadaanaa
malee Ergamaa Rabbii (N.R.I.H) ji’oottan keessaa kan hedduu soomanu hin agarre
ji’a sha’abaanaa malee.” bukhaarii (1969)
Hadiisa
Aa’ishaa kan biroo keessatti (R.I.H) nijette Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) ji’oottan
keessaa kan ji’a sha’abaanaarra hedduu soomanu hin taane sha’abaana kan soomanu tahe waaxiqqo malee (irra hedduu
soomana)”
bukhaarii (1970)
Garuu sadarkaan
Rabbiin ji’a kana keessa nuuf kaaye osoo jirtuu kana lakisuudhaan ji’a
ramadaanaatiif if leenjifna jachuudhaan ji’a sha’abaanaa keessa warra soomanuutu
jira Akkana dalaguun shariyaa islaamaa keessatti dhoorkaadha
Hadiisa
keessatti Abii Hureeyraa irraa odeeyfamee (R.I.H) nije’e: Ergamaan Rabbii
(N.R.I,H) nije’e “yeroo jiini sha’abaanaa wal qixa gehe soomanuu irraa if qabaa
(niyyaa Ramadaanaaf ifleenjifna jachuutiin)”.
Garuu yoo kan duraan soomanu tahe soomana aadaa fkn soomana ayyaama
addeessaa (ayyaamul-biid), soomana qadaa, soomana qodhaatii fii
k.k.f
yoo tahe humaa hin qabu .
Yaa
obboleeyyan islaamaa sadarkaan hagana geessu tun nundabrin, jiini arra keessa
jirru kun lamada nuuf hin deebi’u haga guyyaa qiyaamaatti
yaa obboleeyyan
kiyya kan islaamaa bara dhufu eenyuutuu eegaa Rabbuma qofaatu beeka mee yaadadha
kan bara dheengadda jiru kan barana hin jirre tanaafuu itti yaannee itti haa
fayyadamnuu |