Maxxansa Torbaanii

 

 

Maxxansa Torbaani Lakkofsa Lammaffaa

بسم الله الرحمن الرحيم   

                        Sadarkaa Ji'a sha'abaanaa

Rabbiin oltahe uumaa wahundaa qiyaasa guyyaa jaha(6) keessatti wa hunda uume,uumaa Rabbii san keessa wannii nuti dubbachuu feene uumaa amata, ji’a,torbaani,guyyaa,sa’aafi daqiiqaa…….

Rabbiin oltahe kana hunda uume. Eegasii uumaa isaa kana hunda walirra caalchise,

 Rabbiin oltahe amta uumeeti isa keessatti ji’a kudha lama (12) uume: akuma Rabbiin oltahe qur’aana keessa je’etti [lakoofsi ji’aa Rabbi biratti ji’a kudha lama kiitaaba Rabbii keessatti guyyaa dachii fii samii uume, sankeessaa afur ji’a kabajaa qabu (tan keessa loluun dhoorkaa)] jiini afran san:- Muharram, Zul-qi’idaa, Zul-hijjaa fii Rajaba.  akasuma  ji’oota keessaa tan akkan sadarkaan walirra caaltuutu jira akkasuma torbaan keessaa guyyoowwan, sa’aalee fii daqiiqowwan, hunda isaanii  sadarkaa Rabbiin walirra caalchisee jira. mee san keessaa haga tokko haa laalluu:-ji’a afran armaa olitti dubbanne tan Rabbiin kabajaa isii guddisee aka keessa hinlolle godhuudhaan isii kabaje, akkasumaa waliin tan amata keessaa sadarkaa isii ji’oota kaanirra akkaan caalchiseetu jira. Isiin san ji’a Ramadaanaati.

Jiini Ramadaanaa ji’a  barakhaa, ji’a qur’aanni keessa buufame ji’a halkan kabjaa qabu (leeylatul qadri) keessa jiru akkuma Rabbiin oltahe qur’aana keessa je’etti [jiini Ramadaanaa ji’a Rabbiin qur’ana keessa buuse, qaceelchaa ilma namaa kan tahe] qur’aana (2-185) jiini ramadaanaa ji’a araaramaa, ji’a Rabbiin gabroottan isaa ibiddarraa itti bilisoomsu, ji’a namni kheeyrii akkaan keessa dalagatu.

Ji’a Ramadaanaa ballinaan irraa dubbachuu hin barbaanne yoo Rabbiin fedhe fuulduratti irraa dubanna ammaf yaanni keenya waa’ee ji’a armaan gadii tana, san ji’a sha’abaanaati, tan amma keessa jirru tana. jiini sha’abaanaa darajaan isii ji’a ramadaanaallee gehuu baattu garuu sadarkaan isii akaan guddoodha  ji’a sha’abaanaa akkamitti Rabbiin ji’oota hafanirra isii caalchise, maaliin isii caalchise mee waliin haalaalluu.

Jiini sha’abaanaa ji’a Rabbiin sadarkaa isii olfuudhe. Sadarkaa isii irraa:- ji’a hujiin gabroottanii tan amataa Rabbirra fidamtu. Akkuma Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) je’etti Usmaan binu Affaanirraa odeeyfamee (R,I.H) nije’e “ ji’oowwanirra sii hedduu soomanu sin agarre ji’a sha’abaanaarra (maaliifi?)” Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) nije’e “isiin (Sa’abaani) tan ilmi namaa ji’a rajabaatii fii Ramadaana jidutti irraa dagame isiin ji’a hujiin gabroottanii isii keessa  gara Rabbii olfuudhamtu anaa soomana qabu hujiin tiyya akka gara Rabbii naaf olfuudhamtuun fedha.” Nasa’ii (2317)

Gara biraatiin sadarkaan jiini sha’abaanaa qabu Rabbiin oltahe ji’a sha’abaan kana keessa gabroottan isaatiif ni’araarama haga tokko malee (Rabbiin warra araarama isa irraa hongawe nun-godhin) akkuma Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) je’etti

Abii Muusaa irraa odeeyfamee (R,I.H) Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) nije’e: “Rabbiin ol tahe walqixa ji’a sha’abaanaa keessatti gara samii duniyaatti gadi bu’eeti gabroottan isaatiif araarama, nama lama malee (nama lamaan wallole)” gabaasa biraa keessatti “nama lamaan wal-lolee fii nama Rabbi cinaa waa gabbaru (mushrika) malee”.

Eega sadarkaan ji’a sha’abaanaa hagana guddatte tan hujiin ilma namaa tan amataa keessa olfuudhamtu tan Rabbiin oltahe isii keessa gabroottan isaatiif araaramu, nuti hoo ji’a kanarraa bu’aa akkamitti buufachuu qabna? karaa kamiin argachuu dandeenya?

 Karaan nuti bu’aa ji’a kana keessa jiru  itti barbaannu karaa ergamaan Rabbii (N.R.I.H) ittiin hojjate tahuu qaba

San keessaa Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) ji’a kana  keessa wanni inni hedduu hojjatu soomana.

 Ji’a kanarraa harka irra guddaa soomanuudhaan dabarsa. Akkuma hadiisa keessatti nuuf gabaafametti Aa’ishaa irraa odeeyfamee (R.I.H) nijette: Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) kan soomanu tahe haga nuti sa hin furuu jannutti ammallee kan hin soomanne tahe haga  sa hin soomanuu jannutti takkaa Ergamaa Rabbii (N.R.I.H) hin argine kan ji’a guutuu soomanu ji’a ramadaanaa malee Ergamaa Rabbii (N.R.I.H) ji’oottan keessaa kan hedduu soomanu hin agarre ji’a sha’abaanaa malee.” bukhaarii (1969)

Hadiisa Aa’ishaa kan biroo keessatti (R.I.H) nijette Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) ji’oottan keessaa kan ji’a sha’abaanaarra hedduu soomanu hin taane  sha’abaana kan soomanu tahe waaxiqqo malee (irra hedduu soomana)”  bukhaarii (1970)

Garuu sadarkaan Rabbiin ji’a kana keessa nuuf kaaye osoo jirtuu kana lakisuudhaan ji’a ramadaanaatiif if leenjifna jachuudhaan ji’a sha’abaanaa keessa warra soomanuutu jira Akkana dalaguun shariyaa islaamaa keessatti dhoorkaadha

Hadiisa keessatti Abii Hureeyraa irraa odeeyfamee (R.I.H) nije’e: Ergamaan Rabbii (N.R.I,H) nije’e “yeroo jiini sha’abaanaa wal qixa gehe soomanuu irraa if qabaa (niyyaa Ramadaanaaf ifleenjifna jachuutiin)”.

 Garuu yoo kan duraan soomanu tahe soomana aadaa fkn soomana ayyaama addeessaa (ayyaamul-biid), soomana qadaa, soomana qodhaatii fii k.k.f  yoo tahe humaa hin qabu .

 Yaa obboleeyyan islaamaa sadarkaan hagana geessu tun nundabrin, jiini arra keessa jirru kun lamada nuuf hin deebi’u haga guyyaa qiyaamaatti

yaa obboleeyyan kiyya kan islaamaa bara dhufu eenyuutuu eegaa Rabbuma qofaatu beeka mee yaadadha kan bara dheengadda jiru kan barana hin jirre tanaafuu itti yaannee itti haa fayyadamnuu

 

 

 

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)