Soomana

 

 

SADAQAA FIXRII

Ibnu umarirraa odeeffamee R.H ni ja'e “ergamaana Rabbii  sadaqaa fixrii akka baasnu waajiba  godhe,suguda garbuurraa tahee,suguda timirraa hiis tahee,cufa bilisaati fi gabraarratti ,dhiraa fi dhalaarratti  islaamarra kan tahan.Hadiisa kana Bukaarii fi Muslim akkasuma Ibnu maajahiitu gabaase.

    Ibnu abbaasirraa odooffamee ni ja'e “Ergamaan Rabbii  zakaa fixrii waajiba godhe akka namticha soommane akka qulqulleeysituuf taphaa fi hamtuu isaarraa arkamte ammaas akka dhihana miiskiinaaf taatuuf.” Hadiisa kana Abuu daawuudii fi Ibnu maajahiitu gabaase.

       Yeroo akkam baasan

Ibnu umarirraa odeeffamee (R.H) ni ja'e Ergamaan Rabbii
 nu ajaje akkaaniifi nuti ifirraa baasunu sadaqaa fixrii dhaa osoo namni gara dirraa Iidaa hin deemne duratti.

Abdallaah ibnu Umar guyyaa tokkoo fii lama iidaaf yeroo hafu ifirraa baasa(kanna).hadiisa kana bukaarii fi muslimkiitu gabaase.

 

 

.

 

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)