|
Obboleeyyan islaamaa hadiisni caalmaya Rajab keessatti
dhufee soommanaa ja’u cuftinuu hin sabanne Rajaba guddisuun aadaa bareentumaati
.rajabiifii baatiin birootiis waluma qixa tan shari’aan addaan baste nutti
fiddee malee.namni Rajab soommanuu fadhu akkuma baatii biroo soommanaa turetti
guyyaa aadaa kan baatii cufa irraa soommanu kan akka
nama baatii irraa guyyaa sadii soommanuu yokiin akka nama torbaan irraa isniinaa
fii khamisa soommanuu yooniifi tahe akkaataa saniin soommanuu ni danda’a. akka
birootti rajab soommanuun ibiddaarra nama fageessa jachuudhaan hin ta’u.waan
ibaadaa tahe Ergamaa Rabbiitiitu karaa nuuf godha.kanaafuu:
Kharsha Ibnul Hur (R.H) ni ja’e: Umar Ibnul Khaxxaab
niin arke isaa ummata Rajaba soommanu harka keessa dhawu hanga isaan
qorii harka kaayanii nyaatanitti.eegasii ni ja’een nyaadhaa. Rajab
kun baatii ummanni jaahilaa guddisuu turee. oduu tana ahmadiifii Abuu Bakar ibnu Abii
Sheeybaatiitu gabaase .
Oduu Xabraaniif taate keessatti ni ja’e(umar)Rajab kana
waan inni tahe ni beeytanii?rajab kun baatii jaahilli gaafa
jaahilaa(bareentumaa) guddisuu turte ,eega islaaminnaan dhufte ifirraa dhiisan
hadiisoowwan heeddudhaatu odeeffame kan ammaaf asitti dhiheessuudhaaf itti hin
haajamin waan cufti isaatuu bakka hin qabneef akkanumatti Ergamaa Rabbii irratti
kijiba uumuudhaan odeeffame caalmaya Rajab kana keessatti(garuu sagaleedhaan
isiniif qopheessuudhaan dhaggeeffachuu ni dandeessan yoo Rabbi ja’e).diinaan
islaamaa guutameeti (if danda’ee)jira waan bakka hin qabne itti ida’uurra. |