 |
Najisa ijaan
mullatu.
1-Ficcaanii fii sagaraa
ilma namaa
hadiisa abuu
hureeyraan odeesse Keessatti “ Ergamaan Rabbii (N.R.I.H) akki je’e “namni isnirraa kobee isaatiin waan
badduu najisa irra ajjate
biyyeen isa
xaharti (qulqulleeysiti).
Fincaanii fii sagaraa namaa kan hin tahin
najisummaan isii hindubbatamne , akka najisa hin
taane Ragaan nugarsiisu keessaa hadiisa ergamaan Rabbii (N.R.I.H.) warra dhukkubsate
tokkoof akka ficcaan gaalaa dhugan isaan ajaje" kun waanni nugarsiisu ficcaan
beeyladaa akka najisa hin taane nugarsiisa. sagaraa yoo kaan faltiin beeyladaa
akka najisa hin tahiin
Ragaan nugarsiisu ergamaan Rabbii (N.R.I.H.) bakka Re’ee fii hoolaan
galtu keessatti salaata salaatun, akka dandayamu dabarsuu isaaniiti, ficcaan daa'ima dhiiraa kan waa
nyaachuu hin gahiin
najisummaan isaa jabduu miti ,yoo huccuu irra bu'e bishaanuma yoo irratti
dhangalaafte nigeha akkuma Eegamaan Rabbiin (N.R.I.H.) ja’e tti “ficcaan ilma
dhirraa xiqqaa waa nyaachu hingahiin bishanuma irratti naqan, tan dhalaa ammoo
nidhiqan." 2-Dhiiga sunnaa (heeydii). Hadiisa khawlaa bint yasaar keessatti ergamaa Rabbiitiin (N.R.I.H.) akki jatteen " yaa ergamaaa Rabbii huccuu
takkumaan qabaa ; yaroo heeydiin natti dhufe akkamiin taha? akki ja’een "yaroo
heeydiirraa xaharatte bakka
dhiigni heeydii xuqe dhiqii itti salaati". Akka jattee gaafatte "yoo bifti
dhiigaa irraa deemuu didee akkamiin godha?” akki ja’een "bishaanumaan dhiquutu
siifgeha’ bifti dhiigaa humaa hin qabuu” |
|