Hajjii

 

 

ARKAANA  HAJJII

Arkanni Hajjii
1-Hidhachuu
2-Arafa dhaabbachuu
3-Safaafi Marwa jidduu fiiguuة
4-Beeytii xawaafuu /Xawaaful Ifaadaa godhuu.

Waajibaata Hajjii 7

1-Hidhechuu
2-Arafa dhaabbachuu hanga aduun dhiituu guyyaa 9 ffaa
3-Muzdalifa buluu

4-Boolloo guddoo darbachuu guyyaa iidaaا
5-Rifeensa firraa haaduu ykn gabaabsuu
6-Halkanoowwan "ayyaamu tashriiq" Mina buluu (11, 12, 13)
7-Beeytiin naannawuu xaawaafa dhaammannaa (Xawaaful wadaa'a)

Warra Hajjii hidhaturratti Waan Dhoorkaa
Waan dhiiraafi dhalaaratti Dhoorkaa:-

Ø    Rifeensa ifirraa haaduu ykn gabaabsuu

Ø    Qeensa gabaabsuu ykn buqqisuu

Ø    Shittoo dibachuu (osoo hin hidhatin duratti yoo dibattee eegasii fooleen isii sirraa ark mte humaa hin qabu )

Akkuma Aa’ishaan jattetti Ergamaa Rabbiitii (N.R.I.H.) ka shittoo dibatee bahu tahe halkan silaa boru hidhannaaHajjiitti seenu.

Ø    Fuudhuu /Heerumu/, Qaadhimachuu, namaaf nikhaa godhuu

Ø    Warraa wajjin rafuu

Ø    Bineenssa alloollachuu (bineenssa baharaa malee )

Kadhiira qofarratti dhoorkaa

Ø    Rifeensa haagooguu waan isatti maxxanuun /Imaamata, Kofiyaa K.K.F/
Ø    Wanni inni uffatu yeerooniifi akka itti aana kana tahu suniis ansoolaa,marxoo fii akkasuma da’as taheeti argama akkuma isii gadii kanatti

Dura wanniniin isin beessisuu fadhe akkaaniifi isin yeroo footoo asii gadii tana agartan kitaaba diinaarratti footoo namaa baasanii akkaaniifi naan hin jannee. Hadiisa isiniif dabarsuu fadha suniis akkaaniifii footoon takka yooniifii mataa irraa muran akka footoo hin ja’amne .Suniis hadiisa sahiiha kan Abdallaah Ibnu Abbaasirraa odeeffame

Akkasuma kheeyrii itti niyyadhee waan taheef hadiisa kanarratti irggachuudhaan mataa irraa ciree isiniif dhiheeyse.

Ø    akkaataan itti uffatuus akka itti aanu kana taha

 

Ø    Hucuu hodhaa /Qamisa, Marxoo, Khofoo, K.K.F/ 

Ø    Kophee hin uffatu yoo da’as dhabe male. Yoo da’as dhabe isii koomee gaditti mure itti fayyadama.

Waan Dhalaarratti dhorkaa

Ø    Guwaantii (shurraaba harka) fii niqaaba dubartiin fula isii ittiin dhooyfattu.Akka hadiisa Aa’ishaan nuuf odeessitetti

Ergamaan Rabbii ni ja’e: “Dubartiin kaalsii harkaatiifii niqaaba fuulaa hin uffattu.”Hadiisa kana Bkhaaritu gabaase.

Bakka irraa hidhatan (Miiqaata)

1-Juhfa (Warra Shaamiif)    Makkarraa (186Km) fagaata
2-Zulhuleeyfaa (Warra Madiinaatiif) Makkarraa (480Km) fagaata3-Yalamlam (Warra Yamaniif) Makkarraa (120Km) fagaata
4-Qarnal Manazil (Warra baddaatiif) Makkarraa (78Km) fagaata
 
5- Atu'irqi (Warra Iraaqiif) makka irraa (100Km) fagaata

Dalagaa hajjii

1-Dalagaa guyyaa 8 ffaa (Yoowmu –tarwiyaa)

Xawwaaful quduum (Zul hijjaa guyyaa saddeeti dura godhuu nidanddaya)

Safwaa fii Marwaa jidduu fiiguu

hMina dhaqee  zuhrii, asrii, Maghriiba, Ishaa'iifii subii achi salaate achii bula

2-Guyyaa 9 ffaa

Arafa dhaqee bakka Namira ja'amtu qubata

Hanga aduun jallatuu arafa dhaabbata yoo kan danda’u tahe Jabalurrahmaa jala dhaabbat yoo hin dandeenye Arfuma dhaabbata Arafa bakii cufti bakkuma Qiblatti (Jabalurrahmatti) garagalanii zikrii godhan, arraarama kadhatan if gadi qabanii Yaroo aduun dhihuu katee ifgadi qabaa karaa muzdalifaa deeman

3-Halkan 10 ffaa

Muzdalifatti Magribaa fii Ishaaii salaataniiti hanga barihuutti achi bulan haga Subhii salaatuun dirqama

Dubertii, joollee fii namni dhibdee qabu odoo hinbariine karaa Minaa deemu nidandeyan isaanirratti dirqamaa miti subhii achitti salaatun.

4-Guyyaa 10 ffaa

Yaroo barihe osoo aduun hinbane karaa Minaa deeman
Yaroo Wadul-Muhassar gehan ni fiigan (laga Abrahaan itti qabame)
Mina yaroo dhufan boolloo guddoo (Jamratul kubraa) darbatan dhagaa torbaan kan haga dhagaa biimmeetiin
Dhagan bimmee sun akka itti aanu kana fakkaata:-

Irra guddaa magalaa minaa ifmirgatti dhisee,
Ka'abaa ifbitatti dhiisee Dhagaa torbaan darbata
Wareega qala
Rifeensa haadata ykn gabaabsata
Achitti hiikkannaa duraa hiikkata
Wanni duraan irrati dhoorkaa hundi isaaf nigaha,jaartii wajjiin rafuu maleeMakka deemee Xawaaful ifaadaa yeroo torba naannawa.
Raka'aa lamma maqaama Ibraahiim duubatti salaata (dhalaa sunnaa qabdu malee) sun isarratti haraami yeroo saniif
Yoo hajjii fi umraa walitti hidhachuu batee safaa fi marwaa jidduu fiiga
Achitti hikkannaa lammadaa hikkata (Warraa waji rafuu nidandaya)
Eegasii Karaa minaa deebi'ee achii bula

5-Guyyaa 11 ffaa

Eaga aduun jallatte boolloo sadeenu darbata. Dura boolloo xiqqoo(Jamratu sughraa) darbata takbiirtaa godhaa
Boolloo bitatta dhiisee qiblatti garagalee Rabbi kadhata
Boolloo jidduu (Jamratul wusxaa) darbata haaluma duraa saniin
Boolloo mirga dhisee du'aa'ii godhata
Boolloo gudoo (Jamratul kubraa) darbata garu hindhabatu ni deema
Halkan 12 ffaa Mina bula

6-Guyyaa 12 ffaa

Eaga aduun jallattee waan guyyaa 11 ffaa dalage guututti dalaga

7-Guyyaa 13 ffaa

Eaga aduun jallatte haalumma guyyaa 11 ffaa fi 12 ffaa dalage dalaga
Makka dhufee xawwafa dhaammannaa (Alwadaa'a) xawaafa

**Dubartiin xahara hinqabne eega isiin xawaafa Ifaadaa dhaa gote yooniifi itti dhufe xawaafni dhaammanna irraa kufa, dirqamni irratti hin jiru.Hajjiin isii guutuu dha.

San booda namuutuu kara biyya isaa galuu ni danda’a waan dalagaan hajjiidhaa dhumtee jirtuuf.

 

 

Copyright © 2008  oromomuslim.com All Praise is due to Allah (SWT)